Milkaa’ina hojiirra oolmaa ce’umsa haqaa Itoophiyaa keessatti taasifamuuf gaheen duree hawaasaa, abbootii amantaa fi jaarsoliin biyyaa taphatan baay’’ee ol’aanaa dha. Fudhatama isaan hawaasa biratti qabanii fi sababa ol’aantummaa hamilee isaan qaban irraa kan ka’e, qaamolee walitti bu’iinsaan miidhaman walitti dhiheessuu, dhugaa jiru ifa baasuu, dhiifamaa fi araara buusuu keessatti gumaacha ol’aanaa gochuu danda’u. Dabalataanis, qaamolee dhiibbaa fi miidhaan irra gahe, komii isaanii bilisaan akka ibsatan waltajjii nageenyummaan isaa eeggame qopheessuun alattis, adeemsi cee’umsa haqaa iftoominaa fi haqa qabeessummaadhaan akka hoogganamu taasisuudhaan, ummattoota jiddutti nageenni waaraa fi waliigaltee biyyaalessaa dhugaa akka jiraatu bu’uura ni kaa’u.





Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) kanuma sirnaan hubachuudhaan, adeemsi cee’umsa haqaa Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jiru gahee olaanaa dureen hawaasaa, abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa qaban cimsuuf kan kaayyeffate leenjii ijaarsa dandeettii kennaa jira. Haaluma kanaanis magaalota Beddellee fi Yergalem keessatti leenjicha adeemsisee xumuree jira.
Leenjiiwwan kunneen KMNI‘tti Daayirektoreetii barnoota mirgoota namoomaatiin kan qophaa’an, Fulbaana 04 hanga 09, 2019 A.L.I tti kan geggeeffaman yoo ta’u, magaalaa Beddellee keessatti abbootii amantaa, maanguddootaa fi hoggantoota hawaasaa godina Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaaboor, Bahaa fi Lixa Walaeggaa fi magaalaa Yirgaalem godina bahaa, kibba, giddu galeessaa fi kaabaa naannoo Sidaamaa irraa kan babbayan abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa duree hawaasaa ‘tiif kennameera.






Leenjiiwwan kunniin hirmaattonni waa’ee mirgoota namoomaa fi maalummaa cee’umsa haqaa barbaachisummaa fi beekumsa qaban akka fooyyeffataniif, hojiiwwan sochii cee’umsa haqaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiran irratti hubannoo uumuu, akkasumas dureen hawaasaa adeemsa kana keessatti gahee ijoo isaan qaban hubachuu fi dammaqinaan hirmaachuu akka danda’an gochuuf kan kaayyeffate ture.
Walumaagalatti, leenjiin kun abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi duree hawaasaa godinaalee saddeet irraa babbayaniif kan kenname yoo ta’u, waa’ee walitti dhufeenya dhiyeenyaa cimaa mirgoota namoomaa fi ce’umsa haqaa gidduu jiru, mirga miidhamtoota sarbamaaf saaxilaman mirga isaanii kabachisiisuu fi araara sadarkaa hawaasaatti haala mijeessu irratti mariin bal’aan akka taasifamu dandeessiseera.





Komishinichi Abbotiin amantaa fi jaarsotiin biyyaa sirna araaraa aadaa fi amantaa irratti muuxannoon gad fagoo qaban adeemsa ce’umsa haqaa qajeeltoowwan mirgoota namoomaa irratti hundaa’uun bu’aa haqa qabeessaa fi itti fufiinsa qabu fiduuf gumaacha ol’aanaa akka qabu kan amane yoo ta’u, deeggarsa ijaarsa dandeettii walfakkaataa naannoolee biyyattii birootti babal’isuuf karoorfateera.