Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa KMNI) Waajjira Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Motummoota gamtoomaniitti-Waajjira Naannoo Baha Afrikaa (Office of the High Commissioner for Human Rights-East Africa Regional Office (OHCHR-EARO)) waliin ta’uun filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa irratti dandeettii dhaabbileen hawaasa siivikii haala hordoffii mirgoota namoomaa guddisuurratti kan kaayyeffate waltajjiin marii gurraandhala 26 fi 27, 2018 magaalaa Adaamaatti gaggeesseera. Waltajjii marii kanarratti aanga’oonni fi bakka bu’oonni Boordii Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa fi dhaabbileen hawaasa siivikii adda addaa hirmaataniiru.

Waltajicharratti, adeemsa filannoo ilaalchisee bu’uuraalee seeraa idil-addunyaa fi biyyoolessaa, qajeeltoowwanii fi seera naamusaa fi gahee dhaabbileen hawaasa siivikii adeemsa kana keessatti qaban akkasumas dhimmoota mirgoota namoomaa adeemsa filannoo keessatti xiyyeeffannoo barbaadan, odeeffannoo walitti qabuu, hojii gabaasaa fi qorannoo, yeroo filannootti haasawa jibbiinsaa fi tamsa’ina odeeffannoo sobaa ittisuu, akkasumas barreeffamoonni duubbee itti gaafatamummaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffatan dhiyaatanii bal’inaan itti mari’atameera.

Marii kana keessatti filannoon biyyoolessaa marsaa 7ffaa ifaa fi bilisa, haqa qabeessa, amanamaa fi bakka hirmaannaan dubartootaa, qaama miidhamtootaa, buqqaatotaa fi qaamoleen hawaasaa kanneen biroo saaxilamoo ta’an mirkanaa’ee, dhaqqabamaa fi hunda hammataa ta’uu akka qabu xiyyeeffannoon itti kennamee akka hojjatamuu qabu eerameera. Keessattuu, filannoon biyyoolessaa bara kanaa haala rakkoo nageenyaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti itti fufee jiru kana keessatti kan gaggeeffamu waan ta’eef, adeemsa filannoo keessatti mirgootni namoomaa akka kabajamuu fi eegamu hordofuu fi mirkaneessuu keessatti gaheen jaarmiyaalee hawaasa siivikii olaanaa ta’uun ibsamee jira.

Hirmaattonni marii kanaa dhaabbileen hawaasa siivikii gartummaarraa bilisa ta’uu isaanii eeggatanii filannoo dura, yeroo filannoo fi filannoo boodas haala mirgoota namoomaa hordofuun, yeroo qaawwi uumamu tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatamu gargaaruudhaan, adeemsi filannoo ummata, paartilee siyaasaa fi qooda fudhattoota biroo biratti amanamummaa akka qabaatu mirkaneessuu keessatti gahee guddaa akka qaban eeraniiru.

Hogganaan sagantaa Itiyoophiyaa waajjira dhaabbata mootummoota gamtoomanii koomishinara ol’aanaan mirgoota namoomaa, waajjira naannoo bahaa fi kibba afrikaa, Jooseef Nubaadum, filannoon giddu-galeessa dimokiraasii ta’uu fi lammiileen mirga hirmaanna dhimma siyaasaa fi ummata biyyattii keessatti kan itti raawwatan, fudhatamummaan mootummaa kan mirkanaa’uu fi dimokiraasii cimsuu keessatti gahee olaanaa kan taphatu ta’uu ibsaniiru. Mirgi filannoo mirgoota namoomaa biroo irraa adda bahee kan hin illaalamne ta’uu eeruun, yeroo filannootti hidhaa, dhiittaa fi sarbama mirgoota namoomaa mudachuu akka danda’u xiyyeefanoo keessa galchuun dhiittaa mirgoota namoomaa galmeessuu, hojii akeekkachiisa dursaa gaggeessuu fi qaamolee saaxilamoo ta’aniif sagalee ta’uu keessatti dhaabbileen hawaasa siivikii gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Komishinarri Mirgoota Siivilii, Siyaasaa, Hawaasummaa fi Diinagdee KMNI Dooktar Abdii Jibriil, yeroo filannootti sarbama mirgoota namoomaa ittisuuf Itoophiyaatti tumsii fi qindoominni Komishiniin Mirgoota Namoomaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waajjirri komishinara ol’aanaa Mirgoota Namoomaa fi dhaabbilee hawaasa siivikii murteessaa ta’uu eeruun, filannoo bu’uuraalee seeraa fi madaallii balaa ilaaluu qofa osoo hin taane, mala hordoffii haala mirgoota kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’anii eegu qopheessuu akka qabu ibsaniiru. Itti dabaluudhaanis, hordoffiin mirgoota namoomaa filannoo biyyaalessaa keessatti taasifamu ulaagaalee bu’uuraalee seeraa fi mirgoota namoomaa idil-addunyaa, naannoo fi biyyoolessaatiin kaa’aman guutuu akka qabu ibsanii; qaamoleen adeemsa filannoo keessatti hirmaatan karoora hojii ifaafi qindoomina qabu bocuun raawwachuu akka qaban cimsanii Yaadachiisaniiru.