Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa haala dirree filannoo keessatti eegumsi dubartoota miseensota paartii siyaasaa, kaadhimamtoota dhuunfaa fi gaazexeessitootaaf eegumsa seeraa godhamuuf qabu ilaalchisee bitootessa 7, 2018 qooda fudhattoota waliin finfinneetti marii taasiseera. Waltajjicharratti dubartootni kaadhimamtoota paartii siyaasaa, dorgomtoonni dhuunfaa fi gaazexeessitoonni akkasumas qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.

Waltajjichi waliigalteewwan mirga namoomaa idil-addunyaa, ardiilee fi bu’uuraalee seeraa biyyoolessaa eegumsa dubartootaaf yeroo taasifamu, akkasumas mirga dubartoonni filannoo fi dhimmoota bulchiinsa mootummaa irratti walqixa hirmaachuu, dhaabbilee siyaasaa hundeessuun/walitti makamuu, duula filannoo taasisuu, hiriira karaa nagaa godhuu, walga’ii, falmii fi qeeqa dabalatee, dhiyaatee irratti mari’atameera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa hordoffii filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa darbee fi irra deebiin gaggeeffamerratti taasisee qabxiilee gaggaarii fi yaaddoo ta’an adda baafatee waltajjicha irratti kan dhiyeesse yoo ta’u, dhimmoota akka gaariitti raawwataman cimsuu fi dhimmoota yaaddoo ta’anii adda baafaman irratti xiyyeeffachuun filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa irratti haala wal qixaa fi loogii hin qabneen dubartoonni hirmaachuu akka danda’an cimsee ibsameera.

Marii kana keessatti waa’ee hoggansa dubartootaa ilaalchisee yaadonni dogoggoraa (stereotypes) jiraachuun; dinagdeen of danda’uun dhabuun, qaawwi qophii barnootaa fi odeeffannoo, akkasumas haleellaan intarneetii teeknooloojii irratti hundaa’e qormaata ijoo dubartoonni dhimma bulchiinsa mootummaa irratti akka hin hirmaanne dhorkan keessaa tokko isaan gurguddoo ta’uun ibsameera.

Itti Gaafatamaan Kutaa Koorniyaa fi Hawaasummaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa kibiralem Nugusee fi ogeessi dhimmoota seeraa Yaabsiraa Tafari yeroo filannootti itti gaafatamummaa fi naamusa kaadhimamaa paartii siyaasaa, kaadhimamaa dhuunfaa fi gaazexeessitoota irraa eegamu, haaromsa seeraa fi hojii Boordiin Filannoo hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuuf godhe, akkasumas adeemsa boordichi iyyannoo fi komii ittiin ilaalu irratti hirmaattootaaf ibsa kennaniiru.

Daariktarri Kutaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa KMNI Maqidas Amanuu, dhimmoota bulchiinsa mootummaa keessatti gahee dubartootaa ol kaasuun dubartoota hoggantoota siyaasaa, miseensotaa fi dubartootni ogeeyyii miidiyaa filannoo fi waltajjii ummataa irratti hirmaannaa hiika qabu akka taasisuu danda’an haala mijataa uumuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru. Itti dabaluunis filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa irratti hirmaannaan dubartootaa wal qixa mirkaneessuuf mootummaan, paartileen siyaasaa, miidiyaaleen hawaasaa fi qooda fudhattoonni hundi gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.