Gareen hoggantoota ol’aanoo Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI)n durfamu Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa fi hoggantoota Manneen Murtii waliigalaa Naannoo Hararii fi Mana Murtii Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa waliin mirgoota namoomaa babal’isuu fi kabachiisuu, akkasumas dhaqqabamummaa KMNI irratti marii bal’aa taasiseera.
Gareen kun Komishinara Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa, Mohaammad Ahmad, fi Komishinara Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii, Ashannafachi Abbabaa faa kan hammateedha.


Mariin kun gahee manneen murtii mirgoota namoomaa babal’isuu keessatti qaban guddisuu fi KMNI’n kutaalee hawaasaa hundaaf dhaqqabamaa ta’uudhaaf haala mijeessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Hararii Obb. Salahaddiin Tawuffiq akkasumas Pireezidaantiin Mana Murtii Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Obb. Najiib Idriis, Manni Murtii Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaaf deeggarsa barbaachisu hunda gochuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.


Kana malees, Dhaabbilee guddistoota daa’immanii bulchiinsa naannoo Harariitti argaman irratti Hordoffii KMNI gama qabiinsa daa’immanii fi eegumsa mirgoota namoomaa irratti taasifameen argannoowwan dhaabbilee muraasa keessatti adda baafamanii fi dhimmoota tarkaanfii hatattamaan fudhachiisuu qaban irratti dura taa’aa biiroo dubartootaa, daa’immanii fi dargaggoota akkasumas hoggantoota dhimmi ilaallatu biroo waliin mariin gaggeeffameera.