Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa Gurraandhala 17, 2018, bu’aa hojiiwwan ji’oottan jahan darban keessatti raawwataman irraa argame ilaalchisee, tarkaanfiiwwan jajjabeessaa fi hudhaalee mudatan irratti Waajjira muummee isaatti ibsa gaazexeessitootaaf qopheessanirratti Miidiyaaleen fi ogeeyyiin ibsa gaazexeessitootaaf kenname irratti argamaniiru.
Walgahiin gaazexeessitootaa kunis, biyyi keenya Itoophiyaan, Gurmii Dhaabbilee Biyyaalessaa Mirgoota Namoomaa Afrikaa (Network for African National Human Rights Institutions) yaa’ii waliigalaa 16ffaa bara 2019 A.L.I qopheessuuf filatamuu ishee fi komishinarri ol’aanaa KMNI kanajamoo Biraanuu Adeelloo itti aanaa dura taa’aa waldichaa ta’uun filatamuu isaanii ibsuua, akkasumas faayida inni akka biyyatti, akka dhabbataatti fi akka ardiitti qabu hubachiisuuf, akkasumas bu’aawwan ijoo hojiiwwan hordoffii, qorannoo fi leellistummaa mirgoota namoomaa bara hojii 2018 jalqabarratti hudhaalee mul’atan ifa taasisuuf kan kaayyeffate ture.
Itiyoophiyaan Yaa’ii Waliigalaa Neetworkii Dhaabbilee Biyyaalessaa Mirgoota Namoomaa Afrikaa (NANHRI) fi Yaa’ii Waliigalaa Woggaa
Lamatti al-tokko geggeeffamu kan marsaa 16ffaa keessummeessuu fi Dura taa’aa NANHRI ta’uun Komishinara Ol’aanaa KMNI kabajamoo Birhaanuu Adeelloo filatamuu isaanii ilaalchisee
Komishinarrii ol’aanaan KMNI ibsa issanitiin , ‘Walitti hidhamiinsa Dhaabilee Biyyaalessaa Mirgoota Namoomaa Afrikaa Ammajii 27, 2018 A.L.I (Gurraandhala 4, 2026 A.L.A) ‘tti yaa’ii Waliigalaa (General Assembly) Biyya Kaameeruun, Yaawundeetti gaggeeffamerratti Ityoophiyaan Yaa’ii Waliigalaa itti aanuu fi Yaa’ii Woggaa lama lamaan geggeeffamu kan Marsaa 16ffaa qopheessuuf Yaa’icharratti sagalee guutuun filatamuu ishee beeksisaniiru. Kana hordofuun komishinarri ol’aanaa KMNI waggoota lamaan itti aananiif itti aanaa dura taa’aa Dhaabbatichaa ta’uun sagalee guutuun akka filataman himameera.

Gurmiin Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa Afrikaa (NANHRI) bara 2007 A.L.A kan hundeeffame yoo ta’u, miseensa Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa Biyyoota Afrikaa 47 kan qabuu fi waajjirri isaa Naayiroobii keessatti argama. Afrikaa keessatti dhaabbileen mirgoota namoomaa biyyoolessaa walaba ta’an akka hundeeffaman, walta’iinsaan akka hojjetanii fi akkaataa aangoo isaaniitiin mirgoota namoomaa kabachiisuuf dagaagsuuf kan deeggarudha. Akkaataa hundeeffama Bu’uura heera keewwata 28 fi 56 dhaabbatichaatiin, yaa’ii waliigalaa isaa waggaa lama lamaan kan gaggeessu yoo ta’u, hojiirra oolmaa mirgoota namoomaa Afrikaa fi dhaabbilee mirgoota namoomaa naannoo Afrikaa irratti xiyyeeffata; Konfiraansii dhaabbileen hawaasa siivikii fi dhaabbileen barnootaa fi qorannoo irratti hirmaatanis ni taasisa.
Biyyi keenya Itoophiyaan yaa’ii kana keessummeessuuf kutannoon agarsiistee fi Deeggarsi Mootummaan godhe, KMNI qaamota idil-addunyaa, naannoo fi michuuwwan waliin tumsa cimsuu keessatti gahee cimaa fi hirmaannaan, akkasumas KMNI akka waliigalaatti mirgoota namoomaa kabajuu fi babal’isuuf gumaachi isaa, ulaagaalee yaa’ii waliigalaa waldichaa fi konfiraansii waggaa waldichaa qopheessuuf akka filatamu qabxiilee isa dandeessisan ta’uu ibsa gaazexeessummaa kana irratti dubbatameera.
Gurmaa’insi yaa’ii waliigalaa fi konfiraansii waldichaa biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamuun isaa gumaacha KMNI dagaaginaa fi eegumsa mirgoota namoomaatiif gumaacheef beekamtii kan kennu; Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Fudhatama akka biyyaa, ardii fi idil-addunyaatti qabu kan guddisuu fi hojii Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gara fuulduraatti hojjatuuf cimina dhaabbilee miiltoo isaa irraa muuxannoo argachuuf gahee akka qabaatus ibsameera. Kana malees, dhaabbileen mootummaa, dhaabbileen waldaalee siivikii, dhaabbileen barnootaa, qorannoo fi qaamoleen imaammata baasan dhaabbilee mirgoota namoomaa naannoo fi idil-addunyaa adda addaa fi hoggantootni, qorattootni, fi bakka bu’ootni dhaabbilee mirgoota namoomaa biyyoolessaa waliin akka wal argan, gorsanii fi walqunnamsiisan waltajjii uumuu keessatti gahee gaarii akka taphatu Komishinarri Ol’aanaan ibsaniiru.
Kana malees, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa itti aanaa dura taa’aa garee hojii daldalaa fi Mirgoota namoomaa NANHRI ta’uun filatamuu isaa kan eeran Komishinarri Ol’aanaan, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Yaa’ii marsaa 16ffaa fi Yaa’ii Waliigalaa Gurmaa’iinsa Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa Afrikaa (NANHRI) kan Woggaa lamatti al-tokko geggeeffamu akka keessummeessuuf mootummaan deeggarsa taasiseef galateeffataniiru. Kanuma waliin qaamonni mootummaa fi miti mootummaa dhimmi ilaallatu konfiraansii kana milkaa’inaan gaggeessuuf akka tumsanii fi gargaaran waamicha taasisaniiru.

Raawwii KMNI’tiin bu’aalee jajjabeessaa argamanii fi danqaalee mudatan ilaalchisee
Komishinarri Ol’aanaan KMNI tarkaanfiiwwan jajjabeessaa fi hudhaalee gama mirgoota namoomaatiin jiran ilaalchisee akka jedhanitti, waggaa tokko darbe keessatti Bulchiinsa Naannoo Hararii fi Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dawaa irraa kan hafe naannolee hundatti daawwannaa taasisanii bakka Hoggantoonni Mootummootaa, Afyaa’oonni, fi Pireezidaantonni Mana Murtii Waliigalaa argamanitti waa’ee mirgoota namoomaa irratti marii taasisaa kan turan yoo ta’u marii kana hordofuun naannoleen gama mirgoota namoomaatiin tarkaanfiiwwan jajjabeessaa fudhachaa akka jiran ibsaniiru; Kunis hojiirra oolmaa yaadaa furmaata mirgoota namoomaa fooyyessuu dubbatan.
Ji’oota jahan darbanitti, Yaada furmaataa KMNI dhiyeesse hordofuun, naannoo Amaaraatti namoonni 186, naannoo Benshangul Gumuz‘tti namoonni 46, naannoo Gaambeellaatti namoonni 66, naannoo Oromiyaatti namoonni 915, fi naannoo Somaaleetti namoonni 123 toohannaa seeraa jala turan bilisaan gad hiikkamanii jiru. Namoonni 122 mirga wabiitiin kan hiikaman yoo ta’u, namoonni 119 ammoo dhimmi isaanii mana murtiitti akka dhiyaatee ilaalamu taasisuun danda’amera. Iyyanni sarbamuu mirgootaa namooma karaa idileetiin 761 kan dhiyaate yoo ta’u, dhimmoonni 477 karaa idileetiin furmaata argataniiru. Gama biraatiin sirnaa waajjira komishinichaa alatti bahuun(mobile complaint handling) iyyaannoo simachuutiin dhiyaate keessaa iyyannoo 70 furmaata argateera. Buufataalee poolisii 321, manneen sirreessaa 42 fi bakkeewwan tursiisa shakkamtoota iddilee hin taane 9 irratti hordoffiin gaggeefameera. Fooyya’iinsi baajata fayyadama guyyaa sirreefamittootaa seeraa fi namoota eegumsa seeraa jala jiraniif dhaabbilee mana amala sirreessaa irra caalaan isaanii akka bu’aa jajjabeessaa ta’eetti kaafameera.
Mirga siiviilii fi siyaasaa waliin walqabatee, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itioophiyaa filannoo biyyoolessaa 7ffaaf gargaarsa sirna odeeffannoo meeshaa (GIS) tiin gargaaramuun buufataalee filannoo adda baasuun, baay’ina waajjiraalee filannoo gara 22tti ol guddisuun dhaqqabamummaa isaa babal’isuun, sirna galmee dijitaalaa filattootni fi dorgomtoonni bakka jiranitti galmaa’uu akka danda’an qopheessee jira. Filannoon walqabatee ga’een KMNI adeemsichi haala mirgoota namoomaa kabajuun hordofuu, ragaalee funaanuf gurmeessuu fi gabaasa qopheesss yoo ta’u, gama kanaan KMNI filannoo biyyoolessaa 7ffaa filannoo dura, yeroo filannoo fi xumuramuu filaannoo haala hordofuuf qophii duraa xumuruu isaa ibseera.


Imaammanni wixinee qaamaa miidhamtoota adeemsa irra ture Mana Maree Ministirootaatiif kan dhiyaate yoo ta’u, Pirotookolii waliigaltee mirgoota qaamaa miidhamitoota Afrikaa ilaalchisee Ministeera Dhimma Alaa fi Waajjira Muummee Ministiraatti akka mallattaa’uu fi yaadni deeggarsaa akka itti kennamuuf ragga’uuf dhiyaachuun isaa; Qaamaa miidhamtoota fi maanguddoota dabalatee tarsiimoon Dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 dhiheenya kan ragga’e akka qajeelfama tarsiimoo kanaatti hammattuu taasifamuun; Labsiin Barnoota Waliigalaa Lakk. 1368/2017, Mirgoota barnootaa yeroo dheeraaf eegamaa ture, akkasumas sirna kenniinsa tajaajila fayyaa haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’e labsii Bulchiinsa fi To’annoo Tajaajila Fayyaa Lakk. 1362/2017, Labsiin Dhaabbata Tajaajila Dhiyeessitoota Qorichaa fi Fandii Qorichaa Lakk. 1354/2017 Sirna kenniinsa tajaajila fayyaa haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’e hundeessuuf isaanii bu’aa gaarii damee mirgoota hawaasummaa fi dinagdee waggaa tokko darbe keessatti mul’ate keessaa isa Muraasa.
Gama biraatiin walitti bu’iinsa hidhannoo wajjin haalli jiru foya’aa dhufus, sababa waldhabdee hidhannootiin miidhaan lubbuu namaa, qaamaa fi qabeenya irra gahu itti fufee jiraachuu,; daandiirratti uggura hidhattootaan raawwatamu, dhimmoota itti gaafatamummaa yakkaa hin hordofsiifne fi ajaja ykn murtii mana murtii malee karaa seeraan alaa namoota too’annoo jala tursiisuu; qondaaltota mootummaa irratti komii dhiyaatu keessummeessu fi qorannoo yakkaa gaggeessuu dadhabuun akka hudhaaletti eramaniiru.
Dabalataanis, tajaajilli bu’uuraa kanneen akka nyaataa, fayyaa fi kanneen biroo sirreeffamtootaaf seeraatiif dhiyaatan fooyya’iinsi jiraatus, bajata tajaajila nyaataa fi fayyaa mootummaan shakkamtoota fi namoota eegumsa seeraa jala jiraniif kennu kan jirre ta’uu fi kan jirus gahaa ta’uu dhabuu, Gaazexeessitoota, aktivistoota fi dammaqsitoota miidiyaa hawaasaa irra dhiibbaan gahaa jiraachuu, akkasumas sarbamiinsa mirgoota namoomaa adda duree jedhaman keesssaa damee albuudaa keessattuu naannoo Gaambeellaa fi Kibba Lixa Itiyoophiyaa keessatti dhimmoota eegumsa mirgoota namoomaa yaaddoo ta’anii ka’an keessaa isaan muraasa.


Damee mirgoota hawaasummaa fi diinagdee, kan Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa irratti xiyyeeffatu keessaa hudhaaleen mul’atu ibsa gaazexeessummaa keessatti kan ka’e yoo ta’u, qaqqabamummaa naannoo fi ijaarsaa gamoowwanii keessatti gahee ol’aanaa qaban keessaa, Labsiin Ijaarsa Itoophiyaa bara bajataa 2017 baase 1356/2017 hordofee dambiin raawwii labsichaa, kan hordofamuu qaba jedhamee eegamu akka hin baane, akkasumas gamoo dhaabbilee tajaajila dhuunfaa fi mootummaa qaama miidhamtootaaf dhaqqabamaa taasisuuf ulaagaaleen bal’aan akka hin baane, akkasumas bu’uurri to’annoo fi hordoffii akka hin hundeeffamne eerameera.
Kana malees, hojiirra oolmaan yaada furmaata buufataalee qonnaa hordoffiin irratti taasifamee keessatti irra caalaan isaanii keessatti tarkaanfiiwwan jajjabeessaan fudhatamanis, ammas dubartootaa fi hojjattoota daraggota ta’aniif uffata ittisa dhukkuba fi balaa, hojjettootaaf guutummaatti ykn haala gahaa ta’een kan hin dhiyaanneef yoo ta’u, hojjettoonni yeroof boqonnaan dahumsa duraa fi boodaa kaffaltii waliin akka hin kennamneef; guyyaa ayyaanni ummataa akkaataa seeraatiin hojjettootaaf kennamuu dhabuu, hojjettoota dhaabbataa fi yeroo guyyaa hojjetaniif kaffaltiin wal fakkaatu, akkasumas kaffaltiin hojii sa’aatii dabalataa akkaataa seeraatiin shallagamee kaffalamuu dhabuu isaa; shamarran hojii dubartootaa fi dargaggoota hojjettootaaf dhorkame akka hojjetan hayyamuu; Miindaan hojjettootaa yeroon kaffalamuu dhabuun raawwii yaada furmaataa fi itti gaafatamummaa itti fufiinsaan hordoffii taasisuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu akka qaban kan agarsiisu ta’uu komishinarri ol’aanaa KMNI ibsaniiru.
Hojiiwwan Idilee KMNI fi Bu’aawwan Ijoo Galmaa’an Ilaalchisee
Wal-gayii gaazexeessitootaa qophaahe kanarratti, sochiin dhaabbata KMNI fi bu’aawwan ijoo galmaa’an kan ilallaman yoo ta’u , akkaataa qajeeltoowwan Paaris ‘tiin, qacarrii fi ramaddii hoggantootaa fi hojjettoota KMNI rawwachuuf qajeelfamni heddumnina amantii, saalaa, gosa, afaan, fi qaama miidhamummaa haala hammattummaa hunda-galeessa irratti xiyyeeffateen hojiirra oolchuuf hayyamu ragga’ee hojiirra oluu, dhaqqabamummaa daran guddisuuf jecha waajjiraalee haara magaaloota 5 dabalataan banamuun, bu’aa hojii Afaan Amaaraa fi Ingiliffaa dabalatee, Afaan Oromoo, Tigiree fi Somaalee dabalatee akka qophaan fi qaqqabummaa isaanii guddisuuf hojiitti galfamuu isaa hubachiisaniiru.


Haaluma wal-fakkaatuun, walitti dhufeenyi fi tumsi dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin eegalame cimee itti fufee jira jedhameera. Kanaanis Yaadni furmaata mirgoota namoomaa irra claalaan isaanii hojiirra oolaa jiraachuunsaa, sarbamni mirgootaa osoo hin uumamin dura ittisuuf qophiin taasifamuu, qooda fudhattoota biratti ilaalchi abdii guddaa qabu uumamuu isaa komishinarri ol’aanaan dubbataniiru.
Gaaffilee ogeeyyiin miidiyaa ibsa gaazexeessitootaaf kenname irratti hirmaatan dhimmoota mirgoota namoomaa yeroo ammaa irratti kaasan komishinarri ol’aanaan ibsaniiru. KMNI gaaffilee hidhaa seeraan alaa, raawwatamuu fi dirqiin namoota iddoo buteen isaanii dhabamsiifamuu waliin walqabatee iyyata isaaf dhiyaate hordofee hojii qorannoo akka raawwatu; KMNI mootummaa dabalatee qaama kamirraayyuu dhiibbaa akka hin qabne; wajeelfama walabummaa fi giddu galeessa godhachuun dhabbillee mootummaa fi dhaabbilee michuu idil-addunyaa, akkasumas dhaabbilee biroo mirga namoomaa eeguuf gargaaran waliin ta’uun ni hojjeta; dhiibbaa kamirraayyuu bilisa ta’uu isaa hojiiwwanii fi gabaasawwan inni dhiyeessuun hubachuun ni danda’ama; komishinarri ol’aanaan KMNI haqaa ce’umsaa mirgoota namoomaa kabajuu irratti xiyyeeffate hojiirra oolchuuf waan irraa eegamu raawwachaa akka jiru bal’inaan ibsaniiru.
Komishinarri ol’aanaa KMNI kabajamoo Birihaanuu Adeelloo ergaa guduunfa isaanii keessatti yaada furmaata komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa argannoowwan mirgoota namoomaa adda addaa irratti kenne guutummaatti hojiirra oolchuun haala qabiinsa mirgoota namoomaa fooyya’aa ta’e akka uumu ibsaniiru. Dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa gama mirgoota namoomaa irratti hojjetanii fi qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu hundi yaadota furmaata KMNI kennu guutummaatti hojiirra akka oolu gahee isaanii akka bahatan dhaamaniru. Itti dabaluunis, KMNI Yaa’ii Waliigalaa fi Yaa’ii 16ffaa Gurmaa’iinsa Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa Afrikaa milkeessuuf akka tumsan fi deeggaran qooda fudhattoota hundaaf waamicha dhiyeessaniiru.