Haalli qabiinsa shakkamtootaa mirgoota namoomaa kan kabaje ta’uu mirkaneessuu keessatti dhaabbileen poolisii gahee ol’aanaa qabu
Ardaa lammiilee Babal’isuu Fi Eegumsa Falmitoota Mirgoota Namoomaa Cimsuuf Kutannoon Mootummaa, Dhaabbileen Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa, Fi Dhaabbileen Hawaasa Siivikii waliin hojjachuun Murteessaadha
Mirga barnootaa naannoo horsiisee bulaa mirkaneessuuf barnoota haala jireenya hawaasaa wajjin walsimsiisuu fi dhaqqabamummaa isaa mirkaneessuun barbaachisaa dha
Muudamni kun tarkaanfii abdachiisaa KMNI’n madda hoggantootaa fi ogeeyyota damee mirgoota namoomaa ta’uu ibsameera
Leenjiiwwan kunneen dargaggootaaf, poolisii fi miseensota Poolisiifi mana sirreessaa, maanguddootaaf, qaamolee namoota biyya keessatti buqqa’aniif tajaajila kennaniif, waldaalee qaama miidhamtootaatiif, aartistootaaf, akkasumas hojjettootaa fi hooggantoota dhaabbilee hawaasa siivikiitiif kan kennamee dha
Dhaloota ajandaa mirgoota namoomaa ammayyaa fi biyyoolessaa hubachuu fi gumaachuu danda’u horachuun, Itoophiyaa mirgootni namoomaa aadaa itti ta’e dhugoomsuun ni danda’ama
Itoophiyaa keessatti Adeemsa ce’umsa haqaa bu’a qabeessa, miidhamtoota giddu galeessa godhatee fi mirgoota namoomaa kabaju hojiirra oolchuuf, qophii Imaammataa ragaa irratti hundaa’e fi marii hunda hammate cimsuun barbaachisaa dha
Mirga gurmaa’uu hojiirra akka oolu haala dandeessisu uumuun dagaagina sirna dimokiraasiitiif murteessaadha
Rakkoolee walxaxaa baqattoota, koolu galtootaa fi namoonni biyya keessatti buqqa’an mudatan furuuf tajaajilli gargaarsa seeraa bilisaa mirgoota namoomaa bu’uureffate kennamuu qaba
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) adeemsa ce’umsa haqaa keessatti itti gaafatamummaa isaa haala bu’a qabeessa ta’een bahachuuf dandeettii leenjistoota mirgoota namoomaa fi ce’umsa haqaa ijaaruun hojii bu’uuraa ti