Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) waajjira muummee fi waajjiraalee dame magaalotaa irraa kan dhufan ogeeyyii Komishiinichaa harawaa fi buleeyyii hordoffii fi qorannoo’tiif qajeelfama komii keessummeessuu fi tooftaa madda odeeffannoo bilisaa irraa odeeffannoo funaanuu fi qorannoo adeemsisuu (Open-Source Intelligence (OSINT) irratti walduraa duubaan leenjii ijaarsa dandeettii magaalaa Adaamaa’tti kenneera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Pirojektii Ekispidaayit Jastiis (Project Expedite Justice – PEJ) jedhamu waliin ta’uun qajeelfama komii keessummeesssuu irratti Caamsaa 12 hanga 15, 2018A.L.I. leenjii kan kenne yoo ta’u, leenjichi waajjiraalee KMNI haaraa banamanii fi ogeessota haaraa waajjiraalee dura turan keessatti qacaramanif dandeettii isaanii fooyyessuuf kan kaayyeffatedha. Leenjicha itti aanaa Koomishinara ol’aanaa KMNI, Doktor Mizaanee Abaatee Dabalatee, komishinarootni damee fi hooggantoota kutaalee hojii birootiif kennamee jira.



Leenjiicha kanaan, kaayyoo qajeelfama komii keessummeessuu, hojimaata sirna bulchiinsa komii, adeemsa qorannoo duraa, itti fayyadama sirna bulchiinsa dhimma elektirooniksii (Electronic Case Management) fi qophii gabaasaa irratti marii fi shaakalli bal’aan taasifameera.
Koomishinarri Olaanaa KMNI Birhaanuu Addeelloo, leenjichi ogeeyyiin beekumsaa fi dandeettii barbaachisaa ta’e gabbifachuudhaan hojii isaanii gahumsaan akka bahan gochuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu eeranii; leenjitoonnis dandeettii argatan kabajamuu mirgoota namoommaatiif hojiirra akka oolchan waamicha dhiyeessaniiru.


Dabalataanis, rakkoo tasgabbii nageenyaa irraa kan ka’e, bakkeewwan qaamaan irraitti argamanii qorannoo gaggeessuun hin danda’amnetti sarbama mirgoota namoomaa raawwatamu mala tekinolojii dijitaalaan qorachuuf leenjiin marsaa lamaan Ebla 26 hanga Caamsaa 6, 2018 A.L.I kennamee jira. Haaluma kanaan, waa’ee tooftaalee maddoota bilisaa irraa odeeffannoo funaanuu, eegumsa nageenyummaa ragaalee dijitaalaa, xiinxala miidiyaalee hawaasaa, qajeeltoowwan bu’uuraa mirkaneessa dhugummaa qabiyyee miidiyaa, mala haala teessuma bakkaa, yeroo suuraa fi viidiyoo (Geolocation and Chrono-location) adda baafachuu, akkasumas miidhaa xiinsammuu al-kallattiin yeroo qorannoo mudachuu malu (Vicarious Trauma) irratti hubannoon bal’aan uumameera.


Ogeeyyoni leenjichrratti hirmaatanis leenjiin kun dandeettii qorannoo dijitaalaa irratti qaban haalaan kan fooyyessu ta’uu ibsanii komishinichi hojii ijaarsa dandeettii akkanaa cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Komishinarri Barnootaa fi Leenjii Mirgoota Namoomaa Badhaasaa Lammeessaa akka qajeelfama sirna keessummeessa komii KMNI’tti qorannoon dijitaalaa meeshaa ijoo ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis bara sammuu namtolcheen fi odeeffannoon sobaa baay’atu kana keessatti dhugummaa odeeffannoo dijitaalaa mirkaneessuun kabajamuu mirgoota namoomaaf barbaachisaa ta’uu xiyyeeffannoo itti kennaniiru. Dhumarrattis hirmaattonni beekumsaa fi dandeettii leenjii kanarraa argatan hojiitti jijjiiruun hojii qorannoo dijitaalaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.