Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) naannoo horsiisee bultoota kibba Itoophiyaa bakkeewwan filatamoo Godina Omoo Kibbaa keessatti raawwii mirga barnootaa ilaalchisee argannoowwanii fi yaadota furmaataa hordoffii isaatiin adda baafaman irratti marii qooda fudhattootaa waliin Waxabajjii 30, 2026 magaala Jinkaatti gaggeessee jira. Marii kanarrattis bakka bu’ootni waajjira Barnootaa godina Omoo Kibbaa, Misooma Jallisii fi Naannoo Lafa Gammoojjii, Bulchiinsa Magaalaa Turmii, akkasumas waajjiraalee barnootaa fi manneen barnootaa aanaalee Nyangaatom, Malee, fi Bannaa Tsemay irraa walitti babbayan hirmaataniiru.


Marii kana irratti KMNI’n hojii argannoo hordoffii isaa raawwii mirga barnootaa ilaalchisee naannoo horsiisee bulaatti taasise fi qabxii ijoo marii kanaa kan ta’e eegumsa bu’uuraalee seeraa idil-addunyaa fi biyyaalessaa jalatti mirga kanaaf wabii ta’an irratti taasise dhiheessee jira. Marii kana irratti, hojiirra oolmaa mirga barnootaa naannichaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan itti fufanii kan jiran ta’us, qormaanni hedduun kan akka miidhaa caasaalee fi bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa hedduu irratti sababa lolaa roobaa fi qilleensa cimaatiin, keessattuu aanaa Daassanech keessatti, bakka manneen barnootaa 20 ol bishaaniin liqimfamanitti, jijjiiramni barsiisotaa fi godaansi olaanaa, hirmaannaan barattoota dubartootaa gadi aanaa ta’uu fi ga’umsa dhabuun akkasumas haala gabaa amma jiruun wal bira qabamee yoo ilaalamu baajatni damee barnootaaf ramadamu gahaa ta’uu dhabuun isaa akka mul’atu ibsameera.


Hirmaattonni marii kanaa barbaachisummaa barnootaa irratti hubannoo uumuu, galmee barattoota dubartootaa guddisuu, carraa leenjii barsiisotaaf haala mijeessuu, manneen barnootaa socho’aa fi manneen barnootaa bultii (hosteelota) babal’isuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Kana malees, galteewwan barbaachisoo manneen barnootaa guutuuf baajata barbaachisu ramaduun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

KMNI’tti Daarektarri muummee Mirgoota Hawaas-Dinagdee Hawwii Asfaawu akka ibsanitti, qaawwa hojiirra oolmaa mirga barnootaa naannoo horsiisee bulaatti mul’atu furuuf, xiyyeeffannaan deebii kallattii fi tattaaffiin qindoominaa qooda fudhattoota hundaa akka barbaachisu ibsaniiru. Itti dabaluudhaanis, dhaqqabamummaa, argamuu, fudhatama argachuu fi madaqfamuu mirkaneessuun mirga barnootaa dhugoomsuudhaaf ulaagaalee barbaachisoo ijoo ta’uun isaa murteessaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.