Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) dhaabbata biyyaalessaa walabaa ta’ee fi ergama aangoo bu’uura heeraa fi labsii hundeeffamaatiin kennameefiin haalota mirgoota namoomaa hordofuu, qorachuu fi yaada furmaataa dhiyeessuu fi mirgootni namoomaa akka kabajaman hubannoo uumuuf carraaqqii taasisuu dha.

KMNI’n gabaasaalee waqtaawoo fi yaadolee furmaataa baasuun Itoophiyaatti nageenyi waaraan akka bu’uuf, akkasumas waldhabdee fi garaagarummaa karaa seer-qabeessa, karaa nagaa fi mariitiin akka hiikamuuf irra deddebi’ee yaadota furmaataa dhiyeessaa akka ture, qabatamaanis akka raawwatamu, tattaaffii wal irraa hin cinne taasisaa akka ture beekamaadha. Mirgoota namoomaa kabachiisuu fi babal’isuun kan danda’amu haala walabummaa komishinichaa eegeen mootummaa fi qooda fudhattoota biroo waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuudhaan (constructive engagement) ta’uu isaa amanuun hojiilee adda addaa hojjechuurratti argama, bu’aan hedduunis argameera.

Bu’uuruma kanaanis, sirna heera mootummaa humnaan jigsuudhaaf shororkeessummaa fi yakkoota u’ulfaatoo birootiin himatamanii, manni murtii murtii kan itti kenne, akkasumas lammiileen yakka adda addaatiin himatamanii dhaddacharra jiran, dhimmi isaanii haala adda ta’een akka ilaalamuuf karaa komishinichaa mootummaaf akka dhiyaatan gaaffii dhiyeessan irratti hundaa’uun, akkasumas tattaaffii qooda fudhattoota adda addaa qindeessuun komishinichi dhimmicha mootummaaf dhiyeessee jira.

Dhimmichi adeemsa himannaa irratti kan argamu gaaffii gareewwan fedha isaaniitiin dhiyeessan irratti hundaa’uun dhimma komishinichi dhiyeesse kana Kabajamoon Ministira Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiyyi Ahimad mootummaan isaanii haala yeroo kamuu ol’aantummaa seeraa kabajuun tarkaanfiiwwan nageenyaaf, waliigaltee biyyoolessaa fi ijaarsa sirna dimokiraasiitiif gargaaran fudhachuuf kutannoo akka qabu ibsuudhaan, dhimmicha dhiyaate kana akka yaada gaariitti fudhachuun KMNI’n qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojii eegale akka cimsee itti fufu deeggaruun, mootummaa adeemsa sirna ijaarsa nageenyaa biyyaalessaa kana akkaataa qajeelfama seeraatiin akka raawwatamuuf, caasaa mootummaa dhimmichi ilaallatuuf kallattii kutannoo kaa’eera. Haaluma walfakkaatuun sadarkaa naannootti dhimmoota ilaallamaniif hoggantoonni mootummoota naannoolee murtee fi kutannoo walfakkaataa fudhataniiru.

Kanuma bu’uura godhachuudhaan adeemsa hojimaata seeraa fi dhiifama hordofuun yakkoota adda addaatiin kan itti murtaa’e dhiifamaan, himatamtoonni himatni isaanii adeemsarra jiru haal-dureedhaan himatni isaanii addaan citee mana hidhaatii akka gadi lakkifaman, adeemsa himannaa waliin walqabatee mirgootni isaanii kan daangeffame bu’uura seeraatiin akka isaaniif kabajamu fi gara jireenya nagaa isaaniitti akka deebi’aniif murtee kenname Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kan dinqisiifatu waan ta’eef gara fuulduraattis cimee itti fufuu qaba.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) hojiilee roga hedduu mootummaan nagaa biyyaalessaa, waliigaltee biyyaalessaa fi hojiilee sirna dimokiraasii cimsuuf hojjete jechuunis adeemsa marii biyyaalessaa, sagantaalee hidhannoo hiikkachiisuu fi deebisanii ijaaruu naannoleetti kan taasifaman waamicha nageenyaa, akkasumas waltajiiwwan marii ummataa ni dinqisiifata. Kana malees, tattaaffii komishinichi ji’oota 5n darban keessatti godheef, namoota adeemsa kanaaf gumaacha gaarii gumaachan hundaaf beekamtii kennuun, tarkaanfiin dhiifamaa fi sirna seeraa irratti hundaa’e kun nagaa waaraa, waldanda’uu biyyaa fi dimokiraasiif gumaacha guddaa akka ta’e amantaa qabu mirkaneessa.

Komishinichi gara fuul-duraattis tarkaanfiiwwan gaarii fi tattaaffii mootummaan keessattuu ijaarsa nageenyaaf adeemsa furmaataa fudhachaa jiru, itti dhiyeenyaan hordofuu kan itti fufu yoo ta’u, adeemsi hundi haala mirgoota namoomaa kabajuu fi hunda hammattoo karaa ta’een raawwatamee nageenya waaraaf, haqaa fi itti gaafatamummaaf bu’uura cimaa ta’anii akka hojiiwwan gabaasa hordoffii dhiyeessuu kan hojjatu yoo ta’u, nageenyi waaraan kabajamuun mirgoota namoomaa hundaaf bu’uura ta’uu waan amanuuf, carraaqqiin isaa cimee akka itti fufu ni yaadachiisa; carraaqqii hanga ammaa taasifameefis beekamtii ni kenna.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qaamolee dhimmi ilaallatu wajjiin qindaa’uudhaan carraaqqii taasiseef mootummaan gaaffii dhiyaate fudhatee lammiilee mana hidhaatii akka hiikamaniif murteessuun isaa faayidaa biyyaalessaa guddaa qabaachuun alattis, tarkaanfii addunyaa maraaf fakkeenya ta’u ta’uu isaa KMNI irra deebi’ee mirkaneessa.

Bu’uuruma murtee mootummaatiin guyyaa har’aa namoonni 600 ol mana hidhaatii gad dhiifamaniiru. Komishinichi carraaqqii adeemsa kana keessatti hojjetamaa ture cimsee akka itti fufu ibsuu barbaada. Komishinichi kutannoo murtee mootummaan fudhate kana, akkasumas namoota hidhaarra turan qophii adeemsa milkaa’inaa kanaaf agrsiisanii fi bu’a qabeessummaa adeemsichaatiif qaamolee hirmaatan hundaaf galata guddaa qaba.

Guyyaa har’aa, lammiileen mana hidhaatii bahan gara naannoo isaaniitti deebi’anii hojii ijaarsa nageenyaa fi misooma biyyaalessaa irratti karaa seera qabeessaa fi nagaa ta’een akka hirmaatan, akkasumas hojii farra nageenyaa irraa akka of fageessan komishinichi ni yaadachiisa. Naannoleetti sadarkaa sadrkaan kan argaman caasaaleen bulchiinsa mootummaa, dhaabbileen hawaasa siivikii fi dhaabbileen miti mootummaa dhimmi ilaallatu biroo lammiilee keenya mana hidhaatii bahan gara jireenya idilee isaaniitti deebisuuf tattaaffii godhamaa jiru akka deeggaran waamicha dhiyeessaa jira. carraa kanaan Itoophiyaa keessatti rakkoolee Itoophiyaa keessatti mul’atan qabsoo hidhannoo fi humnaan furuun ni danda’ama jedhanii humnoonni amanan gara nagaa fi mariitti akka dhufan KMNI ammas irra deebi’ee yaada furmaataa dhiheessa.Dhumarrattis, qaamoleen hidhaarra turan akka gad-lakkifamaniif carraaqqii mootummaa fi Komishinichaan taasifame fi bu’aa isaa ajandaa siyaasaa hin malleef, nageenyaaf tasgabbii booressuuf akka oolu humnoonni barbaadan gochaa akkanaa irraa akka of qusatan Komishinichi ni yaadachiisa.