Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti hoggantootaa fi miseensota koreewwan dhaabbii dhimma Dimokiraasii, dhimma Seeraa fi Haqaa, dhimma Baajata fi Faayinaansii waliin waltajjii marii guyyoota lamaaf gaggeessaa jira. 

Komishinarri ol’aanaan Birhaanuu Adeelloo, haasaa baniinsa waltajjichaarratti taasisaniin, mirgoota namoomaa kabachiisuun kan dhaabbata tokko qofa osoo hin taane itti gaafatamummaa waloo dhaabbilee mootummaa adda addaa, bakka bu’oota ummataa, qaamolee haqaa, hawaasa siivikii fi qaamolee biroo qindoominaan bahachuu qabanii ta’uu ibsaniiru.

Komishinarri ol’aanaan hojii babal’inna mirgootaa namoomaa Komishinichi armaan dura raawwateef gumaachi koreewwan dhaabbii hedduu ol’aanaa akka ta’e ibsanii seera baastuun hordoffii irra kan darbe  waliin hojjachuu fi waliin socho’uu irratti bu’aan kan itti argame waan ta’eef cimee akka itti fufu gaafataniiru.  

Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obb. Allenee gamasaaniitiin, bu’aa ba’ii KMNI’n galmeesse walumaagalatti  dhugoomsuuf tattaaffii taasisaa turuu isaanii ibsuun, tumsi bu’a qabeessa ta’ee fi kaayyoo waloo tokkoof waliin hojjechuun cimee akka itti fufuu mirkaneessaniiru. “Bu’aa qabatamaan galmaa’e komishinichi abukaatummaa qofa irraa gara dhiibbaa uumuutti ce’aa akka jiru agarsiiseera. Kana cimsuun komishinicha irraa eegama,” jedhan.

Mariin har’aa itti fufiinsa marii fi waltajjiiwwan Komishinichi Mana Maree waliin gaggeessaa tureeti. Waltajjii kana irrattiis dhimma mirgoota namoomaa, tumsa dhaabbilee fi hordoffii paarlaamaawaa irratti hoggantootaa fi miseensota koreewwan dhaabbii caasaa mana marichaa adda addaa waliin hubannoo waloo ni uumama. 

Sagantaa har’aa kanaanis karoorri tarsiimoo haaraa KMNI waggaa shanii akkasumas bu’aa fi qormaata dhimmoota adda addaa irratti dhiyaatee mari’atameera.

Akkasumas, komishinichi yaada Gamtaa Afriikaa (AU) fi qaamolee hordoffii mirgoota namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) waliin walsimuun mata dureewwan adda addaa irratti qoodamanii sanada cuunfaa (compendium) yaadota Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) mana marichaaf ifatti dabarsee kenneera.