Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Abbootii Seeraa Mana Murtii Naannoo Amaaraatiif mirga haqaa argachuu dubartoota, daa’immanii fi qaama miidhamtootaa mirkaneessuu irratti gahee maneen murtii ilaalchisee leenjii kenneera.
Leenjiin kun kan kenname xumura guyyaa 3ffaa yaa’ii waggaa kan abbootii mana murtii naannichaa magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jiru irratti.
Leenjicha kana irratti ogeeyyiin KMNI gahee manneen murtii mirga haqa argachuu dubartoota, daa’immanii fi qaama miidhamtootaa kabachiisuuf qaban ibsaniiru.


Ogeettiin mirgoota dubartootaa komishinichaa Add. Goojjam Abbabaa manneen murtii loogii malee haala dhaddachaa mijataa ta’e mijeessuu akka qaban ibsa kenaniiru.
Ogeettiin dhimmichaa aka ibsanitti, dubartoonni fi daa’imman umurii, saalaa, fi midhaa qaama isaanii irratti hundaa’uun loogiin akka irratti hin raawwatamne eeguun, tajaajila haqa qabeessa ta’e dhiyeessuu, deeggarsaa fi hubannoo tajaajila seeraa kennuu, akkasumas haala dhaddachaa mijataa ta’e qopheessuun murteessaadha. Manneen murtiis haal-dureewwan dandeessisaan kunniin jiraachuu isaanii mirkaneessuu akka qaban addeessaniiru.Abbootiin murtii murtoo yeroo kennan fedhii daa’immaniitiif dursa kennuu akka qabanis cimsanii dubbataniiru.
Akkasumas Manneen murtii akka CEDAW fi CRC faa kan fakkaatan waliigalteewwan mirgoota namoomaa idil-addunyaa bu’uura godhachuun socho’uun akka isaan irraa eeggamus ibsaniiru.


Gama biraatiin ogeessi mirgoota qaama miidhamtootaa KMNI Obb. Araggaa Shifarraawu qormaata qaama miidhamtoota mudatu tarreessaniiru.
Rakkoolee furuuf manneen murtii mijataa ta’uu mirkaneessuu fi huudhawwan afaanii furuu akka qaban hubachiisaniiru.
Dabalataanis, ogeeyyii xiin-sammuu ramaduudhaan haala dhaabbilee mijataa uumuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.


Leenjiin kun dandeettii ogummaa abbootii seeraa guddisuu fi tajaajila abbaa seerummaa mirgoota namoomaa kabaju kennuuf kan gargaaru ta’a.
Photo Credit: Supreme Court of Amhara Region