Jilli Komishinarra Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii, KMNI Ashannafech Abbabee ‘tiin durfamu Wal-gayii idilee 48ffaa ogeeyyota mirgootaa fi nageenyummaa daa’immanii (ACERWC) Afrikaa Onkololeessa 3 hanga Onkololeessa 10, 2019 A.L.I Leseetoo, Maaseeru’tti adeemsifamaa kan jiru irratti hirmaachaa jira.

Yaa’ii kana irratti Jilli kun mariiwwan Sadarkaa Ardiilee irratti argamuun haala eegumsa mirgoota dubartootaa fi daa’immanii irratti eegumsaa fi kunuunsa addaa keessatti akkasumas bu’aa ilaalchaa fi kabaja waliigalaa mirgoota namoomaa irratti wantoota raawwataman dhiyeessaniiru.

Ibsa Komishinarri Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii Ashannafech Abbabee waltajjii kanarratti taasisaniin, dhaabbatichi sirna hojimaata mirgoota namoomaa Ardii fi naannawaa qindoominaan mirgootni dubartootaa fi daa’immanii sirnaan kabajamuu isaa mirkaneessuuf hojii hordoffii fi abukaatummaa taasisaa jiru akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Dabalataanis komishinarri tarkaanfiiwwan dhaabbatichaan sadarkaa biyyaatti mirgoota daa’immanii fi dubartoota eeguuf fudhataman bal’inaan ibsaniiru.

​Xumura irrattis Jilli kun yaadotaa fi muuxannoo addaa yaa’ii 48ffaa irratti ka’an irratti hundaa’uun galmee imaammata dhaabbatichaa fi yaada furmaata qopheessuun qaamolee dhimmi ilaallatuuf akka dhaqqabsiisu ibsaniiru.

Jilli kun Onkololeessa 14/2026 A.L.A Neetworkii Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa Afrikaatiin (NANHRI) waltajii cinaa mata duree ’’gama murteewwan koree ogeeyyota dhaabbilee biyyoolessaa Afrikaa Mirgoota fi nageenyummaa Daa’immanii raawwachiisuutiin gahee isaanii cimsuu’’ mata duree jedhuun qophaaye irrattis ni hirmaata.

Walgahii Ardii kana irratti koreen kun ittisa miidhaa karaa dijiitaalaatiin daa’imman irra gahu, wixinee yaada waliigalaa mirgoota daa’imman qaama miidhamtootaa Chaartara Mirgoota fi Nageenyummaa Daa’immanii Afrikaa keewwata 13 jalatti tumame, akkasumas qorannoowwan daa’imman dirree waraanaatiif cokuu irratti marii ni gaggeessa.