Jilli Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) miseensota 8 of keessaa qabu kan Komishinara Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa Mohaammad Ahimadiitiin durfamu Siriilaankaatti Onkololeessa 2 hanga Onkololeessa 6, 2019 A.L.I waljijjiirraa muuxannoo taasisaa jira.
Daawwannaan kun adeemsa cee’umsa haqaa biyyoolessaa Itoophiyaan diriirsaa jirtuuf muuxannoo Siriilaankaa irraa fudhachuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, xiyyeeffannaan waljijjiirraa muuxannoo kanaa inni guddaan waggoottan hedduu waldhabdee fi tasgabbii dhabuu siyaasaa darban booda, sirna cee’umsa haqaa hundeessuuf tattaaffii Siriilaankaa ‘n taasiftee fi qormaata ishee mudate ilaaluudha.


Haaluma kanaanis dhiittaawwan mirgoota namoomaa yeroo walitti bu’iinsaa raawwataman, buqqa’iinsaa fi haala qabiinsa buqqaatotaa, akkasumas itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi gama nageenya waaraa ijaaruutiin haalotni walxaxaan mul’atan bal’inaan ni abuuramu.
Yeroo Sagantaa daawwannaa kanattis jilli kun Komishinii Mirgoota Namoomaa Siriilaankaa, Ministeera Haqaa, Waajjira Beenyaa (Office for Reparations) akkasumas dhaabbilee biroo fi hojimaata mana murtii waliin sirna walbaruu ni taasisu.


Dabalataanis, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, waldaalee hawaasa siivikii fi dhaabbilee michuuwwan idil-addunyaa (ICTJ, LAW fi AJAR) waliin mari’achuudhaan adeemsi cee’umsa haqaa haala sagalee miidhamtootaa giddu galeessa godhateen itti raawwatamu irratti marii ni taasisu.
Jila kana keessatti daayreektarri fi qindeessaan kutaa cee’umsa haqaa KMNI, hoggantootni waajjiraalee Jigjigaa fi Jimmaa, akkasumas qooda fudhattootni Ministeera Haqaa fi Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa irraa walitti babbayan of keessa qaba.

Komishinarri Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa Mohaammad Ahimad haasawa baniinsa waltajii muuxannoo waljijjiirraa kanarratti taasisaniin, Itoophiyaan biyya sabootaa fi sab-lammoota 80 olii fi afaan adda addaa qabdu, akkuma siriilaankaa hunda hawaasummaa fi aadaa sabdaneessaa fi gadi fagoo qabdu ta’uu ibsuudhaan, biyyi keenya Itoophiyaan Ebla 2024 A.L.A kan mirkaneessite bu’uura imaammata cee’umsa haqaa biyyoolessaa hojiirra oolchuuf sadarkaa murteessaa irratti akka argamtuu fi kanaafis tarsiimoo dhaabbilee ciccimoo fi miidhamtoota giddu galeessa godhatan akka isii barbaachisu amanuudhaan hojiiwwan hojjatamaa akka jiran ibsaniiru.
Komishinarichi wal qabsiisuudhaan jilli kun muuxxannoo daawwannaa kanarraa argatu walitti fiduudhaan adeemsa cee’umsaa haqaa biyyattii caalmaatti hirmaaachisaa, itti gaafatamummaa kan mirkaneessuu fi araara biyyaalessaa kan fidu taasisuuf akka galtee barbaachisaatti kan itti fayyadamu ta’a jechuudhaan ibsaniiru.