Koomishinarri ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Eerviin Maasingaa waliin haala mirgoota namoomaa Itoophiyaa irratti marii taasisaniiru.
Waajjira Muummeetti KMNI Ambaassaaddaricha kan simatan Koomishinarri ol’aanaan Birhaanuu Adeelloo, haala mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi dantaa waloo irratti kan xiyyeeffate marii bal’aa fi bu’a qabeessa taasisuu isaanii ibsaniiru.
Komishinarri ol’aanaan, qorannoo sarbama mirgoota namoomaa Godina Arsii duraanii ‘tti raawwatame fi argannoowwan komishinichaa yeroo dhiyoo fi ibsa gaazexeessummaa ilaalchisee Ambaasaaddarichaaf ibsa kennaniiru.

Dabalataanis, haala waliigalaa mirgoota namoomaa biyyattii irratti mari’achuu isaanii kan ibsan komishinarichi, gufuuwwan jiran, bu’aawwan hanga ammaatti galmaa’anii fi eegumsa lammiilee fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi barbaachisummaa tattaaffii itti fufiinsa qabu gochuu isaa irratti yaada wal jijjiiruu isaanii ibsaniiru.
Marii kanaanis carraawwan tumsa KMNI fi Imbaasii Ameerikaa gidduu jiru cimsuuf, keessattuu karaa ijaarsa dandeettii dhaabbilee, ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu fi eegumsa mirgoota namoomaa dagaagsuuf carraawwan jiran irratti mari’ataniiru.
Kaayyoowwan waloo kana deeggaruuf marii itti fufiinsa qabuu fi barbaachisummaa hirmaannaa bu’a qabeessa ta’ee irra deebi’anii mirkaneessaniiru.


Ambaasaaddar Maasingaan hojii cimaa fi bu’aa hidhamtoonni akka hiikkamaniif KMNI’n taasiseef dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.
KMNI’n hujii isaa mirgaa fi kabaja namoota hunda giddu galeessa godhachuudhaan, bilisummaa, walabummaa fi ga’umsa ogummaa isaa eegsifatee ergama isaa raawwachuu yeroo itti fufee jiru kanatti, hirmaannaa fi tumsi bu’a qabeessa michoota isaa idil-addunyaa baay’ee barbaachisaa ta’uu isaa Komishinarri ol’aanaan Birhaanuu Adeelloo xiyyeeffannoodhaan dubbataniiru