Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Eerviin Maasingaa, har’a Komishinara Ol’aanaa KMNI Birhaanuu Adeelloo waliin mari’ataniiru.  

Marii kana irrattis Ambaasaaddarichi tattaaffii KMNI’n ijaarsa nageenyaatiif taasisaa jiru dinqisiifatanii, Ameerikaan KMNIf deeggarsaa fi dinqisiifannaa qabdu agarsiisaniiru. 

Ibsa Imbaasiin Ameerikaa Itoophiyaa jiru baaseen, Ambaasaaddar Maasingaan “Ameerikaan gabaasa bal’aa fi iftoomina qabu KMNI’n dhiyeenya kana ajjeechaa Arsii keessatti raawwatame ilaalchisee dhiyeesse, akkasumas jalqaba bara kanaa hidhamtoonni akka gadhiifaman tattaaffii KMNI taasise ni deeggarra’’ jechuun ibsaniiru. 

Dabalataanis Imbaasichi, Ameerikaan “KMNI’n Mootummaa Itoophiyaa cinatti, keessattuu naannolee wolitti bu’iinsaan miidhaman kan akka Tigraay keessatti, dandamannaa dinagdee si’eessuuf, dhaabbilee deebisanii ijaaruuf, sirna haqaa deebisuuf akkasumas dimokiraasii fi hawaasummaa deebisanii ijaaruuu irratti hojii itti fufiinsa qabu hojjechaa jiru hawwiidhaan hordofti’’ jedheera.