Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) argannoowwan hordoffii eegumsa mirgoota namoomaa baqattootaa fi godaantotaa irratti hundaa’uun Godina Oomoo Kibbaa magaala Hamar turmiitti qaamolee seeraa fi haqaa waliin waltajjiin marii gaggeesseera.
Waltajjii marii kana irratti Komishinaroonni fi ogeeyyiin KMNI, Pireezidaantonni Manneen Murtii Godina Oomoo Kibbaa fi Aanaalee, qaamoleen haqaa, hoggantootnii fi bakka bu’oonni dhaabbilee poolisii fi seera kabachiisanii, hoggantoonni dhaabbata tajaajila baqattootaa fi gara biyyaatti deebi’uu akkasumas bakka bu’oonni Yuunivarsiitii Jinkaa hirmaataniiru.
Waltajjii marii kanaaf akka ka’umsatti kan gargaare galmee hojii hordoffii KMNI’n Gurraandhala 29 hanga Bitootessa 17, bara 2018 A.L.I taasise yoo ta’u, hojii hordoffii magaalaa Arbaa Mincii, Diimakkaa, Turmii, Daassanechi, Yaangaatom, Hamar, Wolayittaa Saoddoo fi Hawaasaatti adeemsisee ture.


Komishinarri Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii KMNI Addee Ashannafechi Abbabaa haasawa baniinsa waltajjichaa irratti taasisaniin, Komishinichi bara 2013 A.L.I irraa kaasee dhimmoota namoota biyya keessaa buqqaa’an, baqattootaa fi godaantotaa irratti xiyyeeffannoo addaa kan godhu kutaa hojii qindeessuudhaan mirgoota baqattootaa fi koolu-galtootaa kabachiisuuf hojjechaa akka ture ibsaniiru.
Kaayyoon guddaan waltajjii marii kanaa mirgoota baqattootaa fi koolu galtootaa ilaalchisee hubannoo qaamoleen haqaa fi seera kabachiistuu fooyyessuudha kan jedhan komishinarriin, tumsaa fi qindoomina hunda-galeessa naannoo eegumsa baqattootaa fooyyessuunis galma murteessaa biraa ta’uu hubachiisaniiru.


Dirqamni Itoophiyaan bu’uura seeraa biyyaalessaa, naannoo fi idil-addunyaatiin qabdu kabaja mirgoota namoomaa fi nageenyummaa baqattootaa eegsisuu kan barbaachisu akka ta’e xiyyeeffannoo itti kennani kan dubbatan komishinarriin, baqattoonnii fi koolu galtoonnii sababa walitti bu’iinsaa, baqachuu fi sodaa doorsisaa irraa kan ka’e qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an waan ta’eef, saamichaaf, hidhaa, daddabarsa seeraan alaa fi sarbama mirga adda addaatiif saaxilamuun isaanii guddaa ta’uu ibsaniiru.
Keessattuu dubartoonni fi daa’imman jeequmsa miidhaa koorniyaa dabalatee balaa hamaadhaaf saaxilamoo waan ta’aniif, dhaabbileen haqaa fi seera kabachiistuu yeroo hidhaa, tursiisaa, qorannoo, adeemsa dhaddachaa fi murtii dabarsuutti hojimaata naamusa seeraa fi mirgoota namoomaa kabachiisuu keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabu.


Yeroo Hordoffii kanatti, tajaajila immigireeshinii fi lammummaa, poolisii, waajjiiralee haqaa, manneen sirreessaa fi qooda fudhattoota biroo waliin mariin kan taasifame yoo ta’u, kaayyoon guddaan hordoffii kanaa sodaa nageenyaa fi deebii dhaabbileen sochii al-idilee godaantotni yeroo itti aanu keessatti taasisan seeraan adda baasuu fi furmaata gaarii kaa’uu akka ta’e erameera.
Argannoowwan hordoffii ogeeyyota komishinichaan dhiyaatan ka’umsa godhachuudhaan marii bal’aa taasifameen yaadonni hubannoo uumuu fi dhaabbileen sirna qixa itti gaafatamummaa isaan irraa eeggamu akka ba’an taasisan ka’aniiru.
Ergaa xumuraa waltajjichaa kan taasisan Komishinarri Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddoota KMNI, Mohaammad Ahimad adeemsa keessa qaama miidhamtootnii fi maanguddoonni caalaatti saaxilamoo waan ta’aniif, xiyyeeffannoon barbaachisu akka kennamu kaasanii, qooda fudhattoonni hundi itti gaafatamummaa isaanii ba’uuf tarkaanfii akka fudhatan waamicha dhiyeessaniiru.