Gahee murteessaa dhaabbileen barnootaa ol’aanoo fi dhaabbileen qorannoo adeemsa cee’umsa haqaa Itoophiyaa kessatti taphachuu qaban ilaalchisee waltajjiin marii bakka bu’oonni dhaabbilee barnoota ol’aanoo fi dhaabbileen hawaasa siivikii irratti argaman gaggeeffameera.

Waltajicha haasawaan kan jalqabsiisan Komishinara Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii KMNI akkasumas, qindeessituun Cee’umsa haqaa fi Dhaqqabamummaa Haqaa Ashannafach Abbabaa Imaammatni Cee’umsa haqaa Biyyaalessaa erga ragga’ee booda gara gochaatti hiikuu keessatti gaheen dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee qorannoo murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Komishininarri Dhaabbleen kun qorannoo gaggeessuun, ragaalee qopheessuun, xiinxala seenaa taasisuu fi hirmaannaa hawaasaa itti fufiinsa qabuun sarbama mirgoota kanaan dura raawwataman gadi-fageenyaan hubachuu fi yaadannoo seenaa waloo kunuunsuu keessatti gumaacha guddaa akka qaban eeraniiru.

Dabalataanis, imaammata biyyaalessaa fi kutannoowwan dhugoomsuu fi odeeffannoo amanamaa dhiyeessuun akka barbaachisu xiyyeeffannoo kennuun, yeroo adeemsi cee’umsa haqaa murteessaa ta’e kanatti mariin gaggeeffamu yeroo isaa kan eeggatee fi barbaachisummaa guddaa kan qabu ta’uu yaadachiisaniiru.

Waltajicharratti haasawa kan taasisan dura taa’aa olaanaan Mana Barumsaa Seeraa Yuunivarsiitii Finfinnee Pirofeesar Muraaduu Abdoo fi miseensi Tumsa Cee’umsa haqaa (TJC) Doktor Taaddasee Simee ergaa dabarsaniin Dhaabbileen barnoota olaanoo dandeettii raawwachiistotaa ijaaruu, hubannoo hawaasaa guddisuu fi qulqullina wixinee fooyyessuuf irkoo kennuudhaan itti gaafatamummaa qaban kaasaniiru. Dhaabbileenis imaanaa kana bahachuuf tumsaa fi qindoomina KMNI fi waldaalee hawaasa siivikii waliin qaban cimsuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hirmaattotni maricharratti argamanis gama isaaniitiin waltajjiin kun gumaacha barnootaa hubachuuf, qaawwa beekumsaa fi qorannoo adda baasuu, akkasumas, gufuuwwan mudatan irratti mari’achuudhaan dameewwan tumsaa qabatamaa ta’an guddisuuf carraa guddaa uumeera jechuun ibsaniiru.

Waltajjichi tumsaa fi qindoomina KMNI, Yuunivarsiitii Finfinneetti Mana Barumsaa Seeraa fi Gamtaa Cee’umsa haqaa (TJC) tiin kan qophaayee dha.