Tatamsa’ina dhukkubootaa ittisuu fi to’achuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran itti cimsuun mirga fayyaa lammiilee mirkaneessuu barbaachisa
Dhaqqabamummaa, argamaa fi qulqullina wal’aansa fayyaa sammuu mirkaneessuun bu’uura mirga fayyaa namoota miidhaa xiin-sammuu hawaasummaa qabanii eeguu fi kabajuu ti
Adeemsa bu’a-qabeessummaa deeggarsa cee’umsa haqaatiif qajeeltoowwan bu’uuraa ce’umsa haqaa fi haala adeemsi raawwii isaa itti bocamu hubachuun barbaachisaadha
Mootummaan qorannoo barbaachisaa ta’e gaggeessuun ittigaafatamummaa mirkaneessuu fi tarkaanfiiwwan miidhamtoota deebisanii dhaabuu fi beenyaa kaffaluu dandeessisan fudhachuu qaba
Qaama miidhamtootaaf tajaajilli deebisanii dhaabuu fi mirga meeshaalee gargaarsaa arga-chuu haala quubsaa ta’een dhaqqabamaa taasisuuf dhaabbilee jiran cimsuu fi babal’isuun barbaachisaa dha
Adeemsa tajaajila geejjibaa ummataa fayyadamuu keessatti rakkoolee qaama miidhamtoota fi maanguddoota mudatan hiikuuf akkasumas dhaqqabamummaa tajaajila kanaa mirkaneessuuf qooda fudhattoonni hundi waliin hojjechuu qabu
Haala qabiinsa mirgoota namoomaa shakkamtootaa fooyyessuuf kutannoo fi tumsi waliin hojjachuu qooda fudhattootaa murteessaadha
Filannoon mirgoota namoomaa kan kabaje ta’uu isaa mirkaneessuu keessatti hordoffiin kallattii haalaa gahee olaanaa qaba
Karoorri fi tarsiimoon kun babal’ina, dagaagina, eegumsaa fi kabaja mirgoota namoomaatiif irkoo kan ta’an hojimaata dijitaalaayizeeshinii fi sirna odeeffannoo saffisaan waljijjiiruu hammatee kan qophaa’e dha
Haalli qabiinsa shakkamtootaa mirgoota namoomaa kan kabaje ta’uu mirkaneessuu keessatti dhaabbileen poolisii gahee ol’aanaa qabu