Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii, Aanaa Asakootti haleellaa Caamsaa 23 fi 24, 2018 raawwatame ilaalchisee Hordoffii fi qorannoon gaggeessaa jira. KMNI’n erga ibsi kun ifa godhamee hamma yoonaatti, Iddoo haleellaan kun itti raawatamaa jirutti argamuun namoota ijaan argan, miidhamtoota, maatii miidhamtootaa fi qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu irraa odeeffannoo fi ragaa walitti qabeen, gareen hidhataa ofiin  Waraana Bilisummaa Oromoo jedhee waamu baramaadhan ‘’ABO-Shanee” jedhamuun beekkamu haleellaa raawwatameen miseensonni humna tikaa mootummaa fi namoonni nagaa ajjeefamuu, jiraattonni qe’ee isaanii irraa buqqa’uu, qabeenyi barbadaa’uu fi gubachuu mirkaneessuu danda’eera.

KMNI’n adeemsa qorannoo isaatiin akka mirkaneessetti, Aanaa Asakoo, ganda Daalataa Caffee jedhamutti Caamsaa 22, 2018 irraa eegalee sochiin hidhattootaa hubatamee milishoonni naannoo sanaa fi farra riphee loola Oromiyaa naannoo sanatti bobbaafamanii, garee hidhate, ABO-Shanee jedhamuun fi humnoota nageenyaa bobbaafaman gidduutti walitti bu’iinsa  uumameera. Walitti bu’iinsa kana hordofuunis gareen hidhate kun jiraattota naannoo sanaa haleeluun, namoonni nagaa sadii kan naannoo sana keessaa miliquu hin dandeenye Hailu Nguse fi Samu Abbaayineh hordoftoota amnataa kiristaanataa, akkasumas Batoo Saafano, hordofaa amantaa Islaamaa kan naannoo sanatti loon tikfataa ture du’aniiru.

Dabalataanis manneen lakkoofsi isaanii hin beekamne irratti balaan ibiddaa dhaqqabuu, bataskaanni qulqulluu Gabri’eel kan Dalataa gubachuu isaa, Dallaan Masgiida biyyoo buxulee Sheek Musxafaa miidhamuu, Buufata Fayyaa Chafa daalattii, mana jiraattotaa fi manneen daldalaa wal faana saamamuu fi jiraattonni naannoo 2,650 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii KMNI’n mirkaneeffatee jira.

KMNI’n Godina Arsii Aanaalee Shirkaa, Asakoo, Honqooloo Waabee, Gunaa fi Martii kessatti haleellaawwan Haleellaan hidhattootaan raawwatamaa turan deebi’anii akka hin uumamne of eeggannoon barbaachisaan akka taasifamuu fi yakkamtoonni haleellaa kana raawwatan akka itti gaafatamummaan itti mirkanaa’u yeroo adda addaa yaadachiisuun isaa ni yaadatama. Haleellaan fi dhiittaan mirga namoomaa akkanaa yeroo baay’ee naannoo sanatti mudachuu itti fufuu isaa ilaalcha keessa galchuun mootummaan naannoo haleellaan itti raawwatamu kanatti tattaaffii isaa jalqabe cimsee itti fufuun humnoota nageenyaa mootummaa hatattamaan bobbaasuun nagaa fi nageenya mirkaneessuun jiraattota gara jireenya tasgabbaa’aafi waaraatti deebisuu ittigaafatamummaa isaa bahachuu qaba.

Kanaan walqabatees, mootummaa fi qaamoleen deeggartoota biroo jiraattota sababa haleellaa kanaan manaa fi qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa hatattamaafi gahaa ta’e akka Dhiyaatu, akkasumas namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an gara mana isaaniitti akka deebi’anii fi qubsuma dhaabbataa akka argachuun akka mirkanaa’uuf KMNI’n ni gaafata. Gama biraatiin KMNIn dhimmicha irratti gabaasa qorannoo bal’aa akka dhiyeessu ibsaa, dhaabbileen fi namoonni dhuunfaa hundi miidhaawwan raawwataman sirriitti osoo hin mirkaneessin moggaasni fi kakaasni kennamu walitti bu’iinsa dabalataa dabalataa kakaasuu akka danda’u hubatanii gochoota akkasii irraa akka of qusatan waamicha dhiyeessa.

Komishinarri ol’aanaan KMNI Birhanu Addeelloo KMNI’n gadda du’aa fi miidhaan namoota nagaa irratti gaheen itti dhaga’ame ibsuun dhiittaan mirgoota namoomaa lammiilee nagaa irratti raawwatamaa jiru yaaddessaa ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis mootummaan haala jiru tasgabbeessuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhataa jiru cimee itti fufuu akka qabu eeranii; Yeroo kamittuu naannoo sodaan nageenyaa jiru hundatti humna nageenyaa gahaa ramaduun haleellaa walfakkaataa ittisuuf hojjechuun mirgi lubbuun jiraachuu, nageenya qaamaa fi qabeenya lammiilee balaadhaaf akka hin saaxilamne, qorannoo barbaachisaa ta’e gaggeessuun itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi miidhaa miidhamtootaaf beenyaa fi deebisanii dhaabuuf tarkaanfii fudhachuu akka barbaachisu akkasumas, qaamni hundi rakkoo uumame balaaleffachuu irraa kan hafe ibsaa fi gocha walitti bu’iinsa kaasu irraa of qusachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru