Raawwii mirga barnootaa naannoo horsiisee bulaa guddisuuf tattaaffiin qindoominaa fi xiyyeeffannaan deebii kallattii qooda fudhattootaa barbaachisaa dha
Pirotokoolii mirgoota qaama miidhamtootaa Afrikaa raggaasisuun qormaata qaama miidhamtoota qunnamu oolchuuf ni gargaara
Dhaabbilee barnoota ol’aanoo keessatti biiroleen koorniyaa argaman miidhaa koorniyaa irratti hundaa’e ittisuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabu
Leenjichi ogeeyyonni beekumsaa fi dandeettii barbaachisaa ta’e horachuudhaan hojii isaanii ga’umsaan akka raawwatan dandeettii dabalataa kan uumu dha
Miidhaamtoonni sarbama mirgaa tajaajila guutuu akka argataniif dhaabbilee tajaajila kennitoota ta’an gidduutti sirna idilee, qindaa’aa fi kan walitti hidhamiinsa qabu uumuun barbaachisaadha
Raawwiin mirgoota Namoota Biyya Keessatti Buqqaa’an, baqattootaa fi godaantotaa akka fooyya’uuf tumsi KMNI fi dhaabbilee hawaasa siivikii gidduu jiru cimee itti fufu qaba
Nageenyummaa buqqaatota biyya keessaa fi haala kabaja namummaa isaanii eegeen deebisanii ijaaruun/qubsiisuun qindoominaa fi tumsa qooda fudhattoota hundaa barbaada
Haala bulchiinsa mirgoota namoomaa sirreeffamtootaa fi shakkamtootaa naannichatti mul’ate fooyyessuu irratti mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjachuu qaba
Naannicthe hatti Dargaggoota fedha isaaniitiin ala gara leenjii waraanaatti bobbaasuu fi gochi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu daangessu, qajeeltoowwan mirgoota namoomaa fi heera mootummaa kan faallessu waan ta’eef hatattamaan dhaabbachuu qaba
Mirgoota namoomaa shakkamtootaa fi sirreeffamtootaa fooyyessuuf qaamoleen qooda fudhattootaa hundi waliin hojjechuu qabu