Ibsi kun bara gabaasichaa keessatti hordoffii fi Qorannoo mirgoota Namoomaa taasifamen odeeffannoo fi ragaalee KMNI’n funaannate irratti kan hundaa’e fi bu’aalee abdachiisaa fi dhimmoota yaaddessa ta’an kan ofkeessa dha
Mootummaan qorannoo barbaachisaa ta’e gaggeessuun ittigaafatamummaa mirkaneessuu fi tarkaanfiiwwan miidhamtoota deebisanii dhaabuu fi beenyaa kaffaluu dandeessisan fudhachuu qaba
Muudamni Itti Aanaa Komishinara Ol’aanaa Fi Komishinaroota Dameewwan Mirgoota Namoomaa Itti Fufiinsa Hoggansaa Fi Cee’umsa Hojii mijaawaa ta’e Mirkaneessuu bira darbee, Dandeettii Komishinichi Gahee kennamee Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Raawwachuuf Qabu Caalaatti Cimsa
Ajjeechaa, miidhaa qaamaa, manca’iinsa qabeenyaa fi buqqa’iinsa namoota bakkeewwan adda addaa naannoo Oromiyaa Godina Arsii keessatti dhaqqabaa jiru furmaata waaraa akka argatuuf, mootummaan federaalaa fi naannoo Oromiyaa humna nageenyaa gahaa godinicha keessatti bobbaasuu dabalatee, itti gaafatamummaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan hatattamaa, qabatamaa fi itti fufiinsa qaban fudhachuu barbaachisa
Qaamoleen waldhabdee keessaatti hirmaannaa qaban hundi gochoota rakkoolee hammeessan irraa akka of qusatanii fi garaagarummaa qaban bu’uuruma seeraatiin marii fi wal-hubannoodhaan akka furan KMNI akeekkachiise