Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Naannoo Tigiraayitti raawwatamaa kan jiru dargaggoota dirqiidhaan gara waraanaatti bobbaasuun, bilisummaa yaadaa fi yaada ofii ibsachuu daangessuun, akkasumas sochii waraanaa fi walitti bu’iinsa bakkeewwan naannicha naannolee biroo waliin wal daangessutti mul’ataa jiru mirgoota namoomaa yaaddessaa uuman itti dhiyeenyaan hordofaa jira.

Hordoffii komishinichi gaggeesseen, naannichi “Jireenya Uummata Tigiraay Eeguuf” jechuun dargaggoota humnaan gara waraanaatti bobbaasuuf sanada murtii (“seera”) baasee hojiirra oolchuu isaa hubachuu danda’eera. Sanadni murtii kun kan bahe bara 2012 A.L.I. beekkamtii Boordii Filannootiin ala filannoo naannichatti gaggeeffame irratti hundaa’uun kan qophaa’e, bu’uura waliigaltee Piriitooriyaatiin kan diiggame miseensota “mana maree” irra deebi’anii walitti qabamuun akka ta’e KMNi’n hubachuu danda’eera. Tarkaanfiin kun Waliigaltee Piriitooriyaa kan cabsu ta’uu isaatiin alatti, bu’uura Heera Mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Rippabiliika Itoophiyaa keewwata 51 fi 52 ‘tiin qoodinsa aangoo mootummaa federaalaa fi naannoleef kenname  kan faallessu, akkasumas akkaataa Heera Mootummaa keewwata 55(7) tiin tumaaleen raayyaa ittisa biyyaa fi ummataa, humna nageenyaa fi poolisii, akkasumas itti gaafatamummaa dhimmoota bu’uuraa mirgoota namoomaa fi nageenyummaa biyyaa murteessu ilaallatan kan faallessuu dha.

Waxabajjii 17, 2018 A.L.I. irraa kaasee hojiirra ooluu eegalee jira kan jedhame Sanadni waraanaa kun, namni dhalataa naannichaa ta’e kamiyyuu waamicha waraanaa fudhachuuf dirqama akka qabu kan tumame yoo ta’u, namni waamicha kana hin fudhanne kamiyyuu birrii 10,000 hanga birrii 50,000’tti akka adabamu tumameera. Kana malees, namootni dhuunfaa ergama kana ummanni akka hin deeggarre taasisan, ykn murteewwan naannicha keessatti darban qeeqan ykn morman, naannicha keessaas ta’e naannoo alatti hidhaa waggaa 5 hanga 25 fi qabeenya irraa dhaalamuun akka adabaman tumameera.  KMNI’n tumaa humnoota nageenyaa ajaja mana murtii malee yeroo fi bakka fedhetti namoota dhuunfaa hidhuu fi sakatta’uuf aangoo kan kennu ta’uu hubachuu danda’eera.

Daa’immanii fi namootni biroo sarbama mirgootaatiif saaxilamoo ta’an dirqamaan humna waraanaatiif filuun ykn waraanatti bobbaasuuf qajeeltoowwanii fi tumaalee Heera Mootummaa fi waliigalteewwan mirgoota namoomaa idil-addunyaa, akkasumas qajeeltoowwan waliigalteewwan Jenevaa bara 1949 keewwata waloo 3 fi seera barmaatilee namoomaa idil-addunyaa keessatti tumaman kan cabsu dha. Gochi kun kan raawwatamu garee hidhatee mootummaan ala ta’een waan ta’eef akka yakka hojii fi yakka waraanaatti fudhatamuu danda’a. Heerri mootummaa E.F.D.R keewwata 17 fi 18 namni kamiyyuu sirna seeraan tumameen alatti bilisummaa isaa mulqamuu ykn hidhamuu akka hin dandeenye, humnaan ykn dirqiin akka hojjatu dirqisiifamuu akka hin dandeenye tumameera. Kana malees, Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Itiyoophiyaan Labsii Lakk.826/2006n kan raggaasifatte Pirootokoolii Filannoo Konveenshinii Mirgoota Daa’immanii kan hirmaannaa daa’imman waldhabdee hidhannoo keessatti ilaallatu keewwata 4 irratti gareewwan hidhatan daa’imman umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’e tajaajila waraanaaf bobbaasuun ykn haala kamiinuu waldhabdee hidhannoo keessatti itti fayyadamuu akka hin qabne tumameera.

Walitti Bu’iinsa sadarkaa Ardii keessatti hojiirra kan oolu, Chaartara Mirgootaafi Nageenya Daa’immanii Afrikaa keewwata 22, haala waldhabdee sadarkaa ardiilee irrattis raawwatiinsa kan qabu, biyyoonni miseensa ta’an daa’imman kallattiin waldhabdee hidhannoo irratti akka hin hirmaachisne tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hunda fudhachuuf dirqama akka qaban, daa’imni kamiyyuu tajaajila waraanaaf akka hin bobbaafamne, akkasumas daa’imman waldhabdee hidhannootiin miidhaman eegumsaa fi kunuunsa barbaachisaa ta’e akka argataniif tarkaanfii danda’amu hunda akka fudhatan ni dirqisiisa.

Namoonni dhuunfaa sanada waraana kanaa fi murteewwan biroo karaa nagaa qeeqan ykn morman hidhaa cimaan adabamuu fi qabeenyi isaanii akka fudhatamu kan tumame yoo ta’u, kunis lammiileen yaada ofii bilisaan akka hin ibsanne, dhimma biyyaa irratti yaada isaanii akka hin qoodnee fi sodaa keessa akka jiraatan gochuudhaan akkaataa heera mootummaa E.F.D.R keewwata 29 fi waliigalteewwan idil-addunyaa birootiin Itoophiyaan fudhattee kan raggaasifatte bilisummaa yaadaa fi bilisummaa miidiyaa, akkasumas mirga odeeffannoo argachuu fi tamsaasuu kan faallessu dha.

Naannichatti Sanadni loltummaa dirqii kun osoo hin ba’iin dura dargaggoota, keessattuu daa’imman, namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’an, dhukkubsattoota fayyaa sammuu, akkasumas kaampii baqattootaa fi iddoowwan waaqeffannaa irraa dirqiidhaan walitti funaananii humnaan gara mooraa leenjii waraanaa naannoo adda addaatti galfamaa kan turan yoo ta’u, Sanadni waraanaa kun erga bahee boodas sochiin kun daranuu itti cimee barattoota mana barumsaa amantii irraa, akkasumas namoota biroo hedduu iddoo gabaa, wiirtuuwwan dargaggootaa fi sakatta’iinsa mana mana irraa funaanuun gocha waraanaa irratti bobbaasuun itti fufee akka jiru odeeffannoo KMNI dargaggoota deebi’an, maatii isaanii fi sanadoota adda addaa irraa walitti funaannateen mirkaneefateera.   Namoota humnaan ukkaamfaman keessaa irra caalaan umriin isaanii waggaa 18 gadi ta’uu KMNI’n mirkaneessuu danda’eera.

Kanaan wal qabatee bakkeewwan adda addaa waraanaa naannichaa fi naannolee ollaa gidduutti walitii-bu’iinsi humnoota hidhataniin uumamu lubbuu fi qabeenya namoota nagaa irratti miidhaa guddaa geessisaa akka jiru hubatameera. Fakkeenyaaf, Caamsaa 17 fi 18, 2018 A.L.I’tti KMNI akka mirkaneessetti, ganda Saleenwuhaa keessatti walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namoota sivilii abbaa fi ilma ta’an lama darbuu fi loon naannoo sana jiran miidhamuu isaanii mirkaneeffatee jira.  Dabalataanis ji’a Amajjii 2018  sababa waldhibdee fi sochii waraanaatiin jiraattonni hedduun godina kaaba lixaa aanaa Tselemtii fi La’ilay Tselemtii, magaalaa Maay Tsebrii, godina kibba bahaa aanaa Isra Adi Wojerat, akkasumas godina kibbaa Raya Carcar fi Raya Allamaaxaa irraa buqqa’uun deeggarsa nyaataa fi bakka jireenyaa gahaa osoo hin argatin haala rakkisaa keessa jiru.   Haaluma wal fakkaatuun Waxabajjii 18, 2018 KMNI naannoo Affaar Bulchiinsa Magaalaa Abaalaa ganda Murgaa bakka “Asaalgee” jedhamutti haleellaan raawwatamee jiraattotaa fi horii gaalaa irratti miidhaa geessisee, jiraattonni ganda Murgaa hedduun naannoo sanarraa buqqa’uun isaanii baramee jira.

Komishinarri Ol’aanaan Komishiinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Birhaanuu Adeelloo dhiphinni siyaasaa fi sochiin waraanaa naannoo Tigraay keessatti mul’atu kun waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi waliigaltee nagaa waaraa Piriitooriyaa hordofee naannichatti uumamee ture duubatti kan deebisuu dha jedhan.  Raawwii waliigaltee kanaa kan cabsuu fi sarbama mirgoota namoomaa dabalataaf sababa akka ta’us beekkamuu qaba jedhan. Kanaaf of eeggannoon akka barbbachisu, mirgoota namoomaa guutummaatti akka kabajan, garaagarummaa siyaasaa isaanii marii fi seeraan karaa nagaa akka hiikan waamicha dhiyeessaniiru. Komishinarri ol’aanaan itti dabaluudhaanis sanadni waraanaa tibbana naannichatti bahe seera addunyaa kan cabsu, bu’uura heera mootummaa kan hin qabnee fi sababa dhiittaa mirgoota namoomaa dachaa fi ol’aanaa ta’uu ibsuun, hojiirra oolmaan isaa hatattamaan akka dhaabbatu dhaamaniiru.