Komishiinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Guraandhala 17, 2018. A.L.I irraa eegalee naannoolee Tigraay, Amhaaraa fi Affaar bakkeewwan itti wal-daangessan tokko tokko keessatti sosochii walitti bu’iinsaa ka’an waliin walqabatee haala mirga namoomaa hordofaa jira. Haaluma kanaanis hanga yeroo ibsi kun ifoometti keessttuu walitti bu’iinsa naannawa Xallamti/tsellemtii, Maq’alee fi Ab’alaa keessatti raawwatame hordofuun, haalli lubbuu namootaa, nageenya qaamaa, bilisummaa fi mirga qabeenyaa balaadhaaf saaxilu akka uumamee jiru hubachuun danda’ameera.
Sababa walitti bu’iinsa bakkeewwan kanneenitti ka’aniinii fi sochii waraanaa naannolee kanneen keessatti mul’atan hordofee, sodaa gara wal-waraansaatti cehuu danda’a jedhuun jiraattonni magaalaa Allaamaaxaa fi naannolee dura ajaja yeroo muddamsuu jalatti bulaa turan irraa buqqa’uu isaanii fi uggurri sochii daangessu kaa’amuu isaa KMNI hubachuu danda’eera.
Waldhabdeen kun nageenyaa fi tasgabbii waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa hordofee naannoo sanatti bu’ee ture kan booressuu yoo ta’u, ummata naannoo sanaa miidhaa dabalataa, buqqa’uu fi sarbamuu mirgoota namoomaa hamaaf saaxilu ta’a.
Kanaafuu, qaamoleen waldhabdee keessatti hirmaatan hundi gochoota rakkinicha hammeessan irraa akka of qusatan, haleellaa namoota nagaa fi bu’uuraalee misoomaa mancaasan irraa akka of qusatan, akkasumas garaagarummaa madda waldhabdee kanaa bu’uura seeraatiin wal-hubannoodhaan furuuf kutannoodhaan akka hojjetan KMNI ni hubachiisa. Tarkaanfiiwwan fudhataaman kamiyyuu qajeelfamoota bu’uuraa mirgoota namoomaa akka kabajan, keessattuu daangeeffamni mirgoota namoomaa qajeeltoowwan seer-qabeessummaa, barbaachisummaa cimaa fi wali-gitumma jedhamaan akkaataa qajeelfamoota bu’uura mirgoota namoomaa idil-addunyaa fi biyyaalessaa kan kabajan ta’uun mirkanaa’uu qaba. KMNI hojiilee hordoffii fi qorannoo mirgoota namoomaa idilee cinaatti, qaamolee dhimmi ilaallatu walitti bu’iinsa karaa mariitiin furuu akka danda’aan haala mijeessuuf tattaaffii akka taasisu ni ibsa.