Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Marii Biyyaalessaa dhaadannoo “Guddina Qaamolee Abbaa Seerummaa fi Dimookiraatawaa Milkaa’ína Ijaarsa Mootummaa Biyyaa keessatti ” jedhuun Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Gurraandhala 24, 2018 A.L.I. magaalaa Finifnneetti qopheesse irratti hirmaate. Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa: Taaggasee Cafoo, Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa: Tewodiroos Mihirat, Koomishiinara Ol’áana Komishinii Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa Biraanuu Adeelloo, Komishinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa: Piroofeesar Masfiin Aarayaa, Walitti-qabaa/Dura Taa’aa Boordii Filannoo Itiyoophiyaa: Meelaatworqi Hayiluu, Ooditarri ol’áanaa Waajjira Odiitara Waliigalaa Federaalaa: Masarat Daamxee, Hoogganaa ol’áanaa Dhaabbata Abbagaar Itoophiyaa: Simanyi Wubee akkasumas fi Ministeerotni, qondaaltonni fi ogeeyyiin dhaabbilee armaan olitti maqaan isaanii tuqame fi pirezidaantonni manneen murtii naannolee marii kanarratti hirmaaataniiru.

Waltajjii marii biyyoolessaa kana irratti qaamolee abbaa seerummaa fi dimokiraasii keessattuu Milkaa’ína ijaarsa mootummaa biyyaatiif hojiilee jijjiiramaa waggoota shanan darban keessatti raawwatan, bu’aa galmeessanii fi kallattii xiyyeeffannoo gara fuula duraa dhiyeessanii jiru.

Komishinarri Ol’aanaa KMNI Birhaanuu Adeelloo ibsa isaanii kan KMNI ilaallatu dangaa yeroo 3tti addaa qoodun kan dhiyeessan yoo ta’u, Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa jijjiirama dura dhaabbata loog-maleessummaa fi walabaa qabu akka hin turre, yeroo seerri qajeelfama mirgoota namoomaa faallessu wixineeffamuu fi hojiirra oolu alliisee ilaaluu kan filatu, dandeettiin hoggansaa fi ogeeyyii dhaabbatichaa murtaawaa kan itti ture, Dhiibbaa qaamolee raawwachiiftuu irraa kan ka’e gabaasaaleen dhiyaatanis al-loogummaa fi amanamummaan isaanii kan isaan hanqatu ta’uu fi gabaasa haala mirgoota namoomaa waggaa waggaan qophaassúun kan ummataaf hin dhiyeessine ta’uu yaadachiisaniiru.

Itti dabaluunis Komishinarri Ol’aanaan akka jedhanitti, adeemsa jijjiiramaa keessatti bu’uuraa qajeelfama Paariis (Paris Principles) irratti hundaa’uun Labsii Komis=hinicha hundeessuf bahe kan fooyya’ee labsii Lakk. 1224/2012 hordofuun waan taheef , Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa mootummaa dabalatee qaama biroo kamirraayyuu walabaa fi bilisa ta’uu mirkanaa’uun isaa, gama eegumsaa fi dagaagina mirgoota namoomaatiin haala guutu jedhamuu dandahuun ergamaa fi itti gaafatamummaa guutuu akka qabatu taasifamuun isaa, Haala kanaan Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qabeenya namaa fi faayinaansii dhaabbata isaa guutummaatti bulchuu danda’uun isaa, hojiin mirgoota namoomaa dagaagsuu fi kabachiisuu dhiibbaa fi giddu-seentummaa mana marichaa fi qaamolee biroo kamirraayyuu bilisa ta’uu; Hoggansa gahumsaa fi dandeettii qabuu fi humna namaa ijaaruun danda’amuu isaa, hojii kan si’eessan furmaata teeknooloojii hojiirra oolchuu fi daballii baajata mootummaa fi dhaabbilee gargaartotaa irraa argame jijjiirama ijoo waggoottan shanan darban keessatti galmaa’aan keessaa isaan ijoo akka ta’an ibsaniiru.

Haala mijataa fi dandeettii jijjiiramaa qabxiileen kunniinii fi kkf uumaniin Komishinichi waggoota shanan darban keessatti komii fi iyyannoo sarbama mirgoota namoomaa kuma saddeetii (8000) ol keessummeessuu danda’uusaa; Gabaasa qorannoo waloo Waajjira Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNOHCHR) waliin ta’uun gaggeesse dabalatee, dhiittaa mirgoota namoomaa irratti qorannoo babal’aa 60 ol gaggeessuu danda’uu fi akkasumas gabaasawwan qaama dhimmi ilaallatuuf akka dhaqqabu gochuu danda’uu isaa; Imaammanni cee’umsa Haqaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akkaataa yaada gorsaa fi qorannoo UNOHCHR waliin gaggeeffame irratti kennameen bocamee akka raggaasifamu ta’uunsaa Koomishinichi sirna dhaabbileen mirgoota namoomaa biyyoolessaa fi idil-addunyaa ittiin hoogganaman qajeelfama bu’úura Paaris (Paris Principle) guutummaatti kan eeguu keessattuu hojii isaa haala walaba fi bilisa ta’een raawwachuu danda’uu isaa, hojii hordoffii, qorannoo fi Leellistummaa mirgoota namoomaa amanamaa ta’ee, akkasumas walitti dhufeenya uumeen sadarkaa-A jedhamuun beekamtii argateera. Haaluma wol fakkaatuun, Yaa’ii Waliigalaa dhiheenya kana Neetworkii Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Afrikaa (NANHRI) tiin Ammajii 27, 2018 A.L.I Kaameeruun,Yaawundee keessatti gaggeeffame irratti koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Yaa’ii Waliigalaa itti aanuu fi Yaa’ii marsaa 16ffaa dhaabbatichaa akka keessummeessuuf filatamuu fi Komishinarri oláanaan KMNI ammo Waggoota lamaan dhufaniif Itti Aanaa Dura Taa’aa Neetworkiicha ta’uun filatamuun bu’aalee ijoo ta’ee akka ilaalamu Komishinarri Olaanaan ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatun, hojii komuunikeshinii fi teekinolojii sirna dijitaalaan akka dursaamuuf bu’uuralee teeknolojii ammayyaa diriirsuun akka hojiin ittin durfamaan waan taasifameef, sirna dijitaalaa iyyaata fudhachuufi keessumessuu dandahuu, qorannoo mirgoota namooma kan ittin hojjeetamuu, teekinolojii ragaaleen barreeffama adda addaa itti kuufamaani fi ergaawwan ittin waljijjiraan (data base), masartii (website) odeeffannoon ittin uummataf qoodamuu, hooggansa fi ogeeyyii dhaabbatiichafi qaamolee michoominaan hojjeetan giddutti kan odeeffannoon ittin qodaamuu, akkasumas hojii bulchiinsa humna namaa fi faayinaansii si’eessuuf sirna dijitaalaa itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataanis, Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa al-loogummaa, amanamummaa fi wolabummaa cimsuun, tumsaa fi gargaarsa qaamolee qooda fudhattootaa waliin guddisuu; Dhimmoota mirgoota namoomaa haaraa adda baasuun eegumsa mirkaneessuu fi babal’isuu; Dhaqqabamummaa Komishinichaa mirkaneessuu; Barnoota mirgoota namoomaa jajjabeessuu fi ceeúmsa haqaa, komishinii marii biyyoolessaa fi kaka’umsa biyyoolessaa biroo deeggaruun xiyyeeffannoo KMNI gara fuula duraa ta’uu adda baafamaniiru. Marii dhaabbilee kana boodas, Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ajandaawwan biyyoolessaa irratti ejjennoo inni qabu ilaalchisee gaafii dhiyaateef, guddinaa fi eegumsa mirgoota namoomaa qofa irratti akka hojjetu, akkasumas dhimmota Kanaan walqabatan irratti tumsaan akka hojjetu; garuu, ajandaalee walabummaa fi loog-maleessummaa isaa balaaf saaxilan irratti gumaachi inni qabu daangeffamaa akka ta’u ibseera.

Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Cafoo akka jedhanitti, dhaabbileen haqaa fi dimokiraasii hundi gama caasaa seeraa misooma humna namaa fi bu’uuraalee teeknooloojiitiin ijaarsa dhaabbilee irratti xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan waliin hojjechuu akka qaban; Kanaafis manni marichaa tumsaa fi deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen hojii jijjiiramaa damee isaaniitiin jalqaban cimsuun ijaarsa Mootummaa Biyyattii keessatti gumaacha barbaachisaa ta’e godhuu akka itti fufan dhaamaniiru.

Komishinarri Olaanaa KMNI Biraanuu Adeelloo dhimmoonni kamiyyuu, keessattuu dhimmoonni haqaa fi dimokiraasii eegumsa mirgoota namoomaa wajjin kan wol-qabatan waan ta’eef, Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa walabummaa dhaabbilee fi loog-maleessummaa isaa eeggatee qaamolee qooda fudhattootaa hunda woliin kan hojjatu ta’uu ibsanii, Qaamoleen marii kanarratti hirmaatan tajaajila mirgoota namoomaa giddu galeessa godhate kennuudhaan Ityoophiyaa mirgootni namoomaa aadaa itti ta’e uumuuf ga’ee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.