Komishinarri ol’aanaan Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Birhaanuu Adeelloo fi hoggansi ol’aanoon koomishinichaa, Leellistuu Mirgoota Miidhamtootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Najla Nassif Palma waliin Bitootessa 11, 2026 waajjira muummee KMNI Finfinneetti mari’ataniiru. Walgahiin kun kan taasifame wayita daawwannaa Naajilaa Naasiif Paalmaa Itoophiyaatti taasisan, akka qaama itti gaafatamummaa isaaniitti mirgoota miidhamtootaa fooyyessuu fi miidhaa dandamataniif sirna deeggarsaa guutuu godhanitti. Walgahiichi tumsa cimsuu fi mala hojiirra oolmaa dandamattoota giddu galeessa godhate guddisuu, mirgoota, sagalee fi fedhii miidhamtootaa mirkaneessuu fi deeggarsaa bu’a qabeessa ta’e deebii dhaabbilee qajeelchuuf kan kaayyeffate ture.

Marii kanaan, Komishinarri Ol’aanaan, Abukaatoo Mirgoota Miidhamtootaaf aangoo, gahee hojii fi tumsa itti fufiinsa qabu miidhamtoota waliin KMNI qaburratti ibsa kennaniiru. Komishinichi sirreeffama leellisuu, Itoophiyaa keessatti adeemsa cee’umsa haqaa miidhamtoota giddu galeessa godhate hordofaa jiraachuusaa, akkasumas hojiiwwan adda addaa mirgoota dubartootaa fi daa’immanii tarkaanfachiisuuf muummeewwan hojii of kennaniin hojjetaman ibsaniiru. Hoggansi KMNI hojii hordoffii fi qorannoo, yaada furmaataa kennuu, gargaarsa seeraa haala mijeessuu, kenniinsa deeggarsa xiinsammuu (psychosocial) mirkaneessuu, mala eeruu tajaajila fooyya’aa (referral mechanisims) cimsuu fi leelistummaa miidhamtootaa hirphuu irrattis bal’inaan dhiyeessaniiru.

Leellistuun Mirgoota Miidhamtootaa, tattaaffii KMNI beekamtii kan kennaniif yoo ta’u, qormaata sadarkaa idil-addunyaa fi biyyaatti yakkamtoota jeequmsaa fi miidhaa saal-qunnamtii waliin wal-qabatu seeratti dhiyeessuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu wajjin walqabatee jiru irratti mari’ataniiru. Tarkaanfiiwwan itti gaafatamummaa iftoomina qabu akka barbaachisu cimsitee dubbattee, akkasumas barbaachisummaa mala gabaasaa fi hordoffii cimaa ta’e qabaachuun qaawwa harkifannaa deebii fi bu’a qabeessummaa deebii gufachiisuu danda’u akka furu dubbatte. Muuxannoon qabatamaan namoota lubbuun hafanii akka galtee madda odeeffannoo imaammataa fi gochaalee, akkasumas deeggarsaafi haqni miidhamtoota hundaaf akka dhaqqabamu mirkaneessuuf qormaata kana furuun barbaachisaa ta’uu leellistuun mirgoota midhamtootaa hubachiisaniiru.

Haaluma wal-fakkaatuun, muuxannoo KMNI miidhamtoota deeggaru, amanamummaa ijaaruu fi mirgoota miidhamtootaaf dursa kennuu irratti qabu irraa barachuun akka barbaachisu xiyyeeffannoo marii kanaa yoo ta’u, miidhamtoota deeggaruu, hordoffii fi leellistummaa miidhamtootaa cimsuuf carraawwan uumuu fi qorachuun akka barbaachisu ibsameera.

Mariin kun qaama tattaaffii bal’aa Lellistoota Mirgoota Miidhamtootaa dhaabbilee Mootummoota gamtoomanii, dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee hawaasa siivikii fi dhaabbilee Finfinnee keessa jiran waliin wal arguun sirna walsimaa fi guutuu, namoota lubbuun hafan giddugaleessa godhateef eegumsa, deebii kennuu fi itti gaafatamummaa irratti xiyyeeffate tarkaanfachiisuuf taasifamuuti.