Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Waltajjii tumsa dhaabbilee hawaasa siivikii-KMNI fi Garee Xiqqaa Ce’umsa haqaa waliin ta’uun; Kabaja Guyyaa idil-addunyaa mirga dhugaa beekuu fi kabaja namoota sarbama mirgoota namoomaa cimaan irra gahe yaadachuuf Bitootessa 15, 2018 Finfinneetti waltajjii marii gageesse. Mariin kun hubannoo qooda fudhattootni dhimmicha irratti qaban guddisuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, miidhamtootni, ogeeyyiin ce’umsaa haqaa akkasumas bakka bu’oonni dhaabbilee hawaasa siivikii, waldaalee miidhamtootaa fi bakka bu’oota michoota misoomaa hirmaachiseera.

Marii kana irraatti adeemsa ce’umsaa haqaa keessatti gahee mirgi dhugaa beekuu qabu, faayidaa itti gaafatamummaa fi araara mirkaneessuu; gummaacha dhiittaan mirgoota namoomaa akka irra deebi’ee hin mudanneef qabu, Kana malees adeemsa haqaa ce’umsaa keessatti hirmaannaa miidhamtootaa fi kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’an irratti mariin bal’aan gaggeeffameera.

Dabalataanis waltajjicharratti dokumeentarii Istiiv Yoorkiin qophaa’ee fi Jooseef Wiidnamaayeriin qindaa’e mata duree “Confronting the Truth” (Dhugaarratti fuulleffachuu) jedhuun kan agarsiifame yoo ta’u, fiilmichis gahee komishinoota dhugaa barbaaddotaa ta’anii, hariiroo dhugaa, haqaa fi itti gaafatamummaa gidduu jiru, akkasumas carraaqqii dhugaa barbaaduu keessatti hirmaannaa miidhamtootaa fi namoota miidhaa irraa dandamatanii fi akkasumas kanneen biroo akka ka’umsa marii itti aanu qorataniif tajaajileera.

Hirmaattonni marii kanaa bu’uura ce’umsaa haqaa Itoophiyaa keessatti dhugaa jiru argachuuf itti gaafatamummaa qooda fudhattoonni adda addaa qaban bal’inaan tarreessanii irratti kan mari’atan yoo ta’u, adeemsi ce’umsa haqaa iftoomina kan qabu, deebii kennuu fi qajeeltoowwan mirgoota namoomaa irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Adeemsa ce’umsa haqaa keessatti muuxannoo fi fedhii miidhamtootaa fi jireenyaa hawaasa miidhamtootaa haala calaqqisiisuun mala hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’en karoorsuu fi bocuun barbaachisaa ta’uu cimsanii kan ibsan yoo ta’u, muuxannoo isaanii kanaaf beekamtii kennuu bira darbee miidhamtoonni adeemsa haqaa bocuu keessatti dammaqinaan hirmaachuu akka qabanis ibsameera.

Itti gaafatamtuun Waajjira Komishinara Ol’aanaa KMNI Qaalkidan Darajjee , dhugaa jiru argachuu/baasuu fi beekkamtii laachuun araaraaf gahee bakka hin buune qabaachuu ibsanii; Kunis muuxannoon miidhamtootaa beekamtii akka argatu, gantummaan akka hin jirree fi itti gaafatamummaan akka mo’atu kan taasisu ta’uu eeraniiru. Kana malees, ce’umsi haqaa sarbama mirgoota namoomaa darbeef deebii seeraa kennuu caalaa, hojii kabaja deebisuu fi hawaasa gidduutti wal-amantaa ijaaruu ta’uu isaa hubachuun; Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa michoota waliin ta’uun deeggarsa miidhamtootaaf taasifamu fi marii hubannoo uumuuf taasifamu cimee akka itti fufu cimee akka hojjetu ibsaniiru.