Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ‘Project Expedite Justice (PEJ)’ dhabbata jedhamu waliin ta’uun miseensota waltajjii tumsa naannoo fi dhaabbilee hawaasa siivikii jala jiraniif leenjii ijaarsa dandeettii hordoffii fi leellistummaa mirgoota namoomaa irratti xiyyeeffate Bitootessa 14 hanga 17, 2018tti magaala Adaamaatti kennee jira. Kaayyoon leenjichaa inni guddaan dandeettii dhaabbileen hawaasa siivikii sadarkaa naannootti argamana mirgoota namoomaa naannoowwan walitti bu’iinsaan miidhaman keessatti argaman haala fooyyee qabuun hordofamuu fi deebii argachuu danda’an ijaaruudha.
Leenjii kanarratti dhaabbileen hawaasa siivikii 28 naannoo Affaar, Amaaraa fi Tigraay irraa hirmaataniiru.



Leenjii kanarratti qajeeltoowwan bu’uuraa fi naamusa hordoffii mirgoota namoomaa, tooftaa hordoffii, ragaa fi ragaa walitti funaanuu, mirkaneessuu fi bulchiinsa galmee, bu’uuraalee seeraa idil-addunyaa fi biyyaalessaa, odeeffannoo madda banaa open source) hojii barbaachisaa ta’eef fayyadamuu, sirrii ta’uu ragaa mirkaneessuu fi ragaalee gama seeraatiin xiinxaluu fi gabaasuu dhiyaataniiru. Isaan kunniin amanamummaa argannoowwan hordoffii mirkaneessuu fi argannoowwan argaman irratti hundaa’uun tooftaalee leellistummaa mirgoota namoomaa bu’a qabeessa ta’an qopheessuuf akka danda’amu agarsiifameera.



Leenjiin kun gahee dhaabbileen hawaasa siivikii naannoo isaaniitti sarbama mirgoota namoomaa dursanii hubachiisuu irratti qaban cimsuu fi sarbama mirgoota namoomaaf sirna akeekkachiisa dursaa diriirsuun, dandeettii deebii ariifataa cimsuu fi miidhamtootaaf eegumsa barbaachisaa ta’e kennuudhaan dhimmoota deebii hatattamaa barbaadan irratti qindoominaan kan hojjetan ta’uu ibsameera.

Daarektarri olaanaa kutaa sagantaa fi walta’iinsa KMNI, Maaniyaawuqal Mokonnan, dhaabbileen hawaasa siivikii leenjicha irratti hirmaatan beekumsaa fi dandeettii horatan hojiitti jijjiiruun hojii eegumsaa fi leellistummaa mirgoota namoomaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.