Dorgommiinbiyyaalessaa dhaddach-fakii Mirgoota Namoomaa Manneen Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa marsaa 6ffaa (6th National High Schools Human Rights Moot Court Competition) Komishinii Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI)‘tiin gaggeeffamaa kan ture, Ebla 16, 2018 Finfinneetti dorgommii xumuraatiin golabame. Dorgommiin kun Ammajii 23, 2018 jalqabe sadarkaa naannoo fi biyyaatti kan gaggeeffamaa ture yoo ta’u, naannolee 12 fi bulchiinsa magaaloota 2 keessaa manneen barnootaa 91 irraa kan babbayan barattoonni 182 hirmaataniiru.




Gareewwan 8 dorgommii daddach-fakii sadarkaa naannoo fi bulchiinsa magaalaatti gaggeeffameen qabxii olaanaa galmeessisan, dorgommii falmii afaanii biyyoolessaa marsaa kurmaanaa fi walakkaa xumuraa gaggeessuuf gara Magaala Finfinnee dhufuun Ebla 12 hanga 16, 2018 dorgommii falmii afaanii xumura gaggeessaniiru.



Dorgommii xumuraa kanarratti barattuun Marsan Tafarraa fi barattuun Boontuu Taaddasaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa bultii shamarranii Finfinnee Iteegee Manan irraa fi barataan Yididiyaa Biruuk fi barattuun Annaabel Nabiyu Saalilawu akkaadaamii Hayilee Maanaas magaalaa Dabire Birihaan irraa iyyataa fi deebii kennaa bakka bu’uun falmii afaanii isaanii taasisaniiru Haaluma kanaan:
Barattoonni Marsan Tafarraa fi Boontuu Taaddaseee Mana Barumsaa Bultii Shamarranii Iteegee Manan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa injifattoota dorgommii xumuraa ta’aniiru.
Dorgommii kana irratti falmituu afaanii cimtuu taatee barattuu Anaabel Nabiyu Akkaadaamii Hayile Manas Magaalaa Dabire Birihaan irraa kan injifatte yoo ta’u,
Barataa Kibron Natsaannat fi barattuun Diiniyaa Naasir Magaalaa Shaggar Akkaadaamii Hiil Toopsi irraa falmii barreeffamaa isaa gaarii ta’een injifataniiru.




Dhimmi yaada dorgommii bara kanaa “Mirga Barnootaa Haala walitti Bu’iinsa Hidhannoo keessatti (The Right to Education in the Context of Armed Conflict)), irratti yoo ta’u; keessattuu argama, dhaqqabamummaa, fudhatamummaa qabuu fi madaqfamuu barnootaa irratti kan xiyyeeffatu; Qajeeltoowwan mirga barnootaa haala walitti bu’iinsaa keessatti, akkasumas dirqama bu’uuraa mootummaan mirga barnootaa kabajuu, kabachiisuu fi raawwachuuf qabu irratti kan hundaa’e;, ulaagaalee mirga namoomaa ardiilee fi idil-addunyaa irratti kan hundaa’e dha. Kunis haala walitti bu’iinsaa keessatti itti fufiinsa barnootaa wajjin walqabatee sadarkaa madaalliiwwan mirgoota namoomaa ol kaasuun barattoonni dorgomaa ta’an waa’ee mirgoota isaanii irratti marii fi dubbisa gadi fagoo akka godhaniifi beekumsa walitti qabuuf carraa uumeera.



Dorgommiin dhaddacha-fakii kun ogeeyyii seeraa fi mirgoota namoomaatiin kan hoogganamee fi sirna falmii mana murtii idilee hordofee kan ture yoo ta’u, barattoonni dorgoman, leenjii fi ibsi barbaachisaan erga kennameefii booda, dhimma mirgoota namoomaa yaadamee dorgommiidhaaf filatame irratti iyyataa fi deebii kennaa bakka bu’uun falmii barreeffamaa fi afaaniin irratti dhiyeessaniiru.
Dorgommii xumuraa kana irratti komishiinaroota KMNI, hoggantoota olaanoo mootummaa, bakka bu’oonni waajjiraalee barnootaa naannolee, bakka bu’oonni dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa, maatiin barattoota dorgomtootaa fi barattoonni argamaniiru.



Itti Aanaan Koomishinara Olaanaa KMNI Dooktor Mizaanee Abaatee, hubannoo fi dandeettii mirgoota namoomaa dargaggoota guddisuuf akasumas ilaalcha isaanii jijjiiruf tooftaalee KMNI itti fayyadamu keessaa tokko dorgommii dhaddacha-fakii ta’uu ibsanii, haala walitti bu’iinsaa keessatti itti fufiinsa barnootaa mirkaneessuun dhaloota biyya dhaalun uumuun biyyoonni madda walitti bu’iinsaa fi naanna’insa sarbama mirgoota namoomaa keessaa ba’uu kan danda’an filannoo isa gaarii ta’uu isaa hubachuun, barattoota dorgommii marsaa adda addaa irratti hirmaatan kanas miseensa hawaasa mana barumsaa, maatii barattotaa fi qooda fudhattoota biroo hubachiisuu danda’uu isaanii ibsaniiru. Itti dabaluunis, “Dorgommiin dhaddacha-fakii mirgoota namoomaa barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa biyyoolessaa marsaa 6ffaa’n kun dhaloota ajandaa mirgoota namoomaa waqtaawaa fi biyyaalessaa hubachuu fi gumaachuuf dandeettii qabu horachuudhaan Itoophiyaa, mirgoota namoomaa aadaa itti ta’e dhugoomsuudhaaf carraa nuuf kenneera” jedhan.