Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) mirga fayyaa namoota miidhaa xiinsammuu hawaasummaa qabanii ilaalchisee argannoo fi yaada furmaataa hordoffii mirga namoomaa yeroo jalqabaatiif taasise irratti qooda fudhattoota waliin Caamsaa 12, 2018 A.L.I. Finfinneetti waltajii marii adeemsiseera. Hordoffiin kun hospitaalota mootummaa fi wiirtuuwwan yaalaa dhuunfaa 13 bulchiinsa magaalaa Finfinnee, naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi Tigraay jala jiran irratti kan gaggeeffame yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan namoota sababa rakkoo fayyaa sammuu yeroo dheeraa kan akka dhiphina sammuu cimaa, dhibee baay’ee nama dhiphisu, baayipoolaar dis’oorder, dhibee iskiizoofeerniyaa fi dhibee yaaddootiin daangeffama hojii fi gufuu hawaasummaaf saaxilamaniif haala tajaajila yaalaa adda baasuu fi yaada furmaata kaa’uu dha.

Waltajjii marii kana irratti, Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa, Ministeera Barnootaa fi Fayyaa irraa, naannolee hordoffiin itti adeemsifame irraa hooggantootnii fi ogeeyyiin biiroo fayyaa, biiroo dubartootaa fi hawaasummaa fi waldaalee qaama miidhamtootaa, akkasumas qooda fudhattoonni biroo irratti hirmaataniiru.

Waltajjicharratti bu’aa ba’ii ijoo, yaaddoo fi yaada KMNI hordoffii kana keessatti adda baafate irratti mariin bal’aan gaggeeffameera. Hirmaattonni qaawwa tajaajila fayyaa sammuu hawaasaa, tarkaanfiiwwan dhaabbilee isaaniitiin fudhatamaa jiran fi huudhawwan isaan mudachaa jiran dhiyeessaniiru.

Hordoffii kana keessatti qabxiilee gaggaarii adda baafaman keessaa, wal’aansi sammuu waggoottan darban irraa haala adda ta’een hospitaala tokko qofatti osoo hin daangeffamin hospitaalota rifaraalaa adda addaa fi hospitaalota barsiisummaa adda addaa keessattis kennamaa jiraachuu isaa, dhukkubsattoonni yaala sammuu dhiyeenyatti akka argatan taasifamuun isaanii, ogeeyyiin fayyaa dhaabbilee hordoffiin irratti taasifame keessatti argaman dhukkubsattoota naamusa fi amala gaarii ta’een kan keessummeessan ta’uun isaa, akkasumas dhaabbilee fayyaa mootummaa keessatti wal’aansa sammuu araada qorichaa irraa kan hafe wal’aansi sammuu fi qorichis dhukkubsattootaaf karaa inshuraansii fayyaatiin haguugameen akka kennamuuf ta’uun isaa ibsameera.

Gama biraatiin dhaabbilee fayyaa mootummaa hordoffiin kun irratti gaggeeffame keessatti hanqinni qorichaa guddaa ta’e jiraachuun isaa, teekinoolojii mala wal’aansa barbaachisoo ta’an kanneen akka hollannaa elektiriikaa (Electroconvulsive therapy) haala gahaa ta’een guuttamuu dhabuu, biyyattii keessatti wal’aansa sammuu daa’immaniitiif jedhamee kan qophaa’e hammamtaan qoricha fudhatamuu (dose) fi hanqinni qorichaas jiraachuu, dirree walitti bu’iinsaa keessatti dhukkubsattoonni wal’aansa xiinsammuu hawaasaa barbaadan baay’inaan dabaluu fi ogeeyyonni tajaajila kana kennan muraasaa fi daangeffamni baajataa olaanaan dhaabbilee fayyaa keessatti mul’atu dhimmoota yaaddessaa ta’uunsaanii ibsameera.

Xumura marii kanaa irrattis hirmaattonni yaadota furmaataa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ‘tiin dhiyaate hojiirra oolchuuf sagantaa karoora gochaa qopheessaniiru.

KMNI’tti Komishinarri Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddoota Mohamed Ahmed, namoonni jireenya isaanii sirnaan akka hoogganan, akka baratan, akka hojjetaniifi hawaasa isaaniif gahee isaanii akka gumaachaniif fayyummaan sammuu ka’umsa bu’uuraa ta’uu eeranii, qaamoleen dhimmi ilaallatu dhaqqabamummaa, argamuu fi qulqullina tajaajila wal’aansa fayyaa sammuutiif xiyyeeffannoo kennanii akka hojjatan dhaamaniiru.