Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) hojii fi itti gaafatamummaa labsichaan kennameef bahachuuf karooraa fi tarsiimoo waggoottan shanan itti aanan 2019-2023 ittiin hoogganamu irratti Waltajjii galtee qooda fudhattoota irraa funaannachuu Caamsaa 17 fi 18, 2018 magaalaa Bishooftuutti adeemsiseera. Waltajjii galtee walitti qabuu kana bakka bu’oonni Poolisii Federaalaa, Bulchiinsa Manneen Sirreessaa Federaalaa, Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa, mootummoota naannolee hunda, dhaabbilee hawaasa siivikii akkasumas dhaabbilee addunyaa irratti hirmaataniiru.

Waltajicharratti madaalliin karooraa fi tarsiimoo waggoottan shanan darban ittiin hojjatamaa turee fi qabiyyee wixinee karooraa fi tarsiimoo haaraa irratti bal’inaan irratti kan mari’atame yoo ta’u;

Dhiittaan mirgoota namoomaa osoo hin uumamin dura ittisuu bu’uura kan godhate (Preventive-focused) sirna dhaabbilee ittisa irratti xiyyeeffate ijaaruu; KMNI’n hariiroo qooda fudhattoota hunda waliin jiru caalmaatti fi bu’a qabeessa taasisuu fi akkasumas dhaqqabamummaa dhaabbilee mirkaneessuun dhimmoota xiyyeeffannoo addaa itti kennu ta’uun isaanii ibsameera.

Keessattuu, haalota qabiinsa mirgoota namoomaa ariifachiisaa fi waqtaawaa irratti deebii ariifataa kennuudhaaf caasaan dhaabbilee fooyya’aa jiraachuun ibsamee jira. Qaamolee qooda fudhattoota ta’an waliin ta’uun ergama dhaabbataa milkeessuuf xiyyeeffannoo egeree komishinichaa sirriitti bocuuf galteen waltajjii irraa walitti funaanname baay’ee barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Raawwii karoora fi tarsiimoo KMNI waggoottan shanan darbanii, wantoota ergama isaa kana irkisuu ykn gufachiisuu danda’an akkasumas yaadota dandeettiiwwan keessoo sakattaasisan dhiyaataniiru. Hirmaattonni marii kanaatis waggoota shanan itti aanan keessatti qabxiilee KMNI’n xiyyeeffannoo irratti godhuu qabu kan jedhan yaada isaanii kennaniiru.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii obbo Iwunatuu Allanaa, waltajjiin KMNI bu’aa ba’ii fi qaawwa waggoota 5n darban keessatti argate qaama walaba ta’een qorachiisee kan itti dhiheesse, qaamoleen qooda fudhattoota ta’anis galteewwan murteessaa ta’an kan itti kennan ta’uu eeraniiru.

Komishinarri Ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo, karoorri fi tarsiimoon waggoottan shanan itti aananii sirna hojimaata dijiitaalaa fi odeeffannoo saffisaan wal-jijjiiruun dandeettii hojii mirgoota namoomaa babal’isuu, tiksuu, kabachiisuu fi dagaagsuu caalmaatti cimee kan itti hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis “karoorri kun akka milkaa’uuf gaheen qooda fudhattootaa barbaachisaa ta’uusaa, galteewwan waltajjii kanarratti hirmaattoota irraa funaannamanis fiixaan bahuu karoorichaatiif carraa guddaa ni uuma” jedhan.