Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) argannoowwan hojii hordoffii fi raawwii yaadota furmaata buqqaatota biyya keessaa naannoo Oromiyaa, Godina Jimmaa fi Godina Hararge Bahaa akkasumas bulchiinsa magaalaa Jimmaatti buqqaatotaaf waltajjii leellistummaa Magaala Jimmaatti Waxabajjii 11, 2018 gaggeessee jira. Waltajjichi hordoffii KMNI’n geggeesseen kan adda bahan muuxannoo gaggaarii, gufuuwwanii fi haala mirgootni buqqaatotaa itti kabajamuu qaburratti gamaaggamaa fi waljijjiirraa muuxannoo gabbisuuf kan kaayyeffatee dha.

Waltajjicharratti Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa, bakka bu’oonni Waajjira Pireezidaantii Oromiyaa, Buusaa Gonofaa Oromiyaa, bakka bu’ootni Godinaa fi Aanaa Buusaa Gonofaa naannichaa; dhaabbilee mootummaa, michoota gargaarsa namoomaa fi misoomaa, bakka bu’oonni dhaabbilee hawaasa siivikii fi bakka bu’oonni buqqaatota Jimmaa fi Harargee Bahaa irraa dhufan hirmaataniiru.

Marii kanarratti, buqqaatota waggoota hedduuf Magaala Jimma keessa jiraachaa turaniif bakka ijaarsa mana jireenyaa, mana jireenyaa, fi deggersa jireenyaa kennuu fi buqqaatotni gara jireenya idileetti akka ceehan taasisuu dabalatee furmaata itti fufiinsa qabu kennuudhaaf dhaabbileen mootummaa, hawaasni naannoo fi dhaabbileen tola ooltotaa qindoominaan akka hojjetan muuxannoo gaarii ta’uun ibsameera.

Gama biraatiin, qaawwa deebisanii dhaabuu, qaqqabamummaa tajaajila bu’uuraa, bu’uuraalee misoomaa fi waliin jireenya hawaasummaa wajjiin walqabate furuun adeemsicha haala guutuu taéen raawwachuun akka barbaachisu xiyyeeffannoo cimaan itti kennameera.

Kana malees, buqqaatota Bulchiinsa magaalaa Jimmaa fi Godina Harargee Bahaa jiraniif furmaata itti fufiinsa qabu kennuu fi mirgootni buqqaatotaa akka kabajamu taasisuuf fedha qooda fudhattootaa irratti kan hundaa’e nageenyummaan isaa kan eeggamee fi haala kabaja namoomaa irratti hundaa’een qindoominaan hojjechuuf waadaa galuu isaanii mirkaneessaniiru.

Komishinii mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti (KMNI) Komishinarri dame Barnootaa fi Leenjii Badhaasaa Lammeessaa mirgootni buqqaatotaa biyya keessaa akkaataa Heera Mootummaa Itoophiyaa, Waliigaltee Kaampaalaa fi qajeeltoowwanii fi ulaagaalee mirgoota namoomaa idil-addunyaa dhimmi ilaallatuu fi barbaachisoo ta’an birootiin eegamu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Itti dabaluunis, KMNI haala mirgoota namoomaa buqqaatota hordofuudhaan, raawwii yaadota furmaataa kennaman madaaluudhaan, tumsa qaamolee dhimmi ilaallatu wajjiin ta’uun buqqaatotaaf furmaanni itti fufiinsa qabu akka mirkanaa’uu tattaaffii taasisuun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.