Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI), Komishinii Mirgoota Namoomaa fi Ummatoota Afrikaa (ACHPR) fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Garee Fedhii malee dhabamsiisuu ykn Dirqisiisuu irratti hojjetu (WGEID) waliin ta’uun, Hagayya 31, 2026 waltajjii yaa’ii qopheesse. Yaa’ii kanarratti bakka bu’ootni qaamolee mootummaa, dhaabbilee mootummaa waliin hojjatu, michuuwwan misoomaa, dhaabbilee hawaasa siivikii fi dhaabbilee barnootaa irraa babayan hirmaataniiru.




Kaayyoo ijoon yaa’ii kanaa hubannoo qooda fudhattootni akka naannoo fi idil-addunyaatti dirqiin dhabamsiifamuu irratti qaban fooyyessuu fi Guyyaa Idil-addunyaa Miidhaamtoota Dirqiin Dhabamsiifamanii kan waggaa waggaan Hagayya 30 kabajamu yaadachuuf ture. Marii kana keessatti hirmaattonni ICPPED fi Qajeelfama Komishinii Afrikaa bara 2022 Dirqisiisaa Dhabamsiifamuu dabalatee qabxiilee ijoo roga hojii naannoo fi idil-addunyaa xiinxalanii jiru. Yaa’ii kanarratti ogeeyyiin naannoo fi idil-addunyaa abukaatummaa biyya keessaa cimsuuf muuxannoo qabatamaa waliif kan qoodan yoo ta’u, aangoo lamaaniituu kan UN WGEID fi Garee Komishinii Afrikaa kan Adabbii Du’aa, Murtii Malee, Ajjeechaa akka feetee fi Dirqiidhaan dhabamsiifamuu Afrikaa keessatti hojjetan dhiyeessan. Kana malees, Itoophiyaan waliigaltee Idil-addunyaa Eegumsa Namoota Hundaa Dirqiidhaan Dhabamsiifamuu (ICPPED) raggaasisuun barbaachisaa ta’uu ogeeyyiin kunneen irratti xiyyeeffataniiru.





Kabajamaan Dura taa’aa Komishinii Afrikaa akkasumas Afrikaatti Dura Taa’aan Garee Hojii Adabbii Du’aa, Murtii malee fi Ajjeechaa akka-feetee Idriisaa Sow, Dirqiidhaan Dhabamsiifamuu ”yakka gad-bu’aa” jechuun ibsaniiru. Itti dabaluudhaan, hammeenni isaa isa hunda caalaa miidhaa geessisu “hirmaannaa aanga’oonni mootummaa yakkicha raawwachuu keessatti qaban, qaama eegumsa miidhamaa mirkaneessuuf imaanaan itti kenname” jala muranii dubbatan. Adeemsa cee’umsa haqaa Itoophiyaan adeemsisaa jirtu kan akeekan Kabajamaan Sow, qooda fudhattoonni hundi gamtaa jabaa tokko akka hundeessan, eegumsa seeraa akka cimsan, akkasumas dandeettii biyya ICPPED raggaasisuu dandeessu akka deeggaran dhaamaniiru.





Miseensa UN WGEID kan ta’an Doktor Aua Baldé guyyaan yaadannoo kun guyyaa hunda dura miidhamtoota gidiraan isaanii kallattii hedduu qabuu fi yeroo baay’ee dhaloota tokko irraa isa itti aanutti cee’u akka ta’e irratti xiyyeeffatanii dubbataniiru. Qabiyyeen dirqiidhan dhabamsiifamuu fi itti gaafatamummaan tooftaa hojii kan garee hojii biyya daawwachuu dabalatee gabaasa mana maree mirgoota namoomaatiif dhiyeessuu, haala mirgoota namoomaa hordofuu fi too’achuu akkasumas itti gaafatamummaa Namummaa isaa bahachuu akka ta’e Doktor Balden Hirmaattotaaf ibsaniiru. Kana malees, Doktor Balde’n gareen Hojii kun namoota achi buuteen isaanii dhabame hundaafi maatii isaanii guutuu Afrikaa fi addunyaa waliin tumsa cimaa qabaachuu akka isa barbaachisu irra deebi’anii mirkaneessaniiru.

Itti aanaan Komishinara ol’aanaa KMNI Doktor Mizaanee Abaatee akka ibsanitti, eegumsi dirqiin dhabamsiifamuu bu’uura seera mirgoota namoomaa idil-addunyaa waan ta’eef, ICPPED raggaasisuun roga hojii seeraa biyyaalessaa daran kan cimsuu fi ittisa, qorannoo, itti gaafatamummaa fi beenyaa miidhamtootaa fi maatii isaaniitiif kutannoo haaromfame kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. “yaadannoon guyyaa har’aa kun maatii fi hawaasa miidhamaa waliin gamtaadhaan dhaabbachuuf, akkasumas namni kamiyyuu eegumsa seeraatiin ala akka hin taane waadaa waloo keenya haaromsuuf kan tajaajilu” jechuun ibsaniiru.
Yaa’ichi waamicha waloo gochaan xumurame, hirmaattota hunda itti gaafatamumma dirqiin dhabamsiifamuu ittisuu, miidhamtootaaf haqaa fi beenyaa mirkaneessuu, akkasumas eegumsa seeraa cimaa biyya keessaa fi idil-addunyaa diriirsuu keessatti itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan dhaamaniiru.