Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Bakkeewwan Naannoleen Tigiraay fi Amaaraa akkasumas Naannolee Tigiraay fi Affaar wal daangessaniin walitti bu’iinsi mudate miidhaa geessisaa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa jira 

KMNI’n Naannoo Tigiraayitti raawwatamaa kan ture tarkaanfii dargaggoota dirqisiisanii gara waraanaatti akka duulan taasifamaa turee fi uggurri lammiileen yaada isaanii bilisaan ibsachuuf qaban irra kaa’ame, akkasumas sochiin waraanaa fi waldhabdee naannichaa fi naannolee ollaa gidduutti uumame hatattamaan akka dhaabbatu fi rakkoon hundi marii karaa nagaa fi karaa seeraatiin akka hiikkamu waamicha dhiyeessaa turuun isaa ni yaadatama. Haa ta’u malee dhiphinni naannolee kanneen ture yeroodhaa gara yerootti hammaataa kan dhufee fi yeroo ammaa kana bakkeewwan adda addaatti walitti bu’iinsi hidhannoo kan ka’ee fi adeemsarra jiraachuu isaa KMNI’n odeeffannoo fi ragaa funaannateen mirkaneessee jira. Keessattuu naannoleen kunneen irra deddeebiin waldhabdee hidhannootiin kan miidhamanii fi haala gahaa ta’een kan hin dandamanne waan ta’eef, waldhabdeen hidhannoo irra deebi’ee ka’uun isaa haala eegumsa mirgoota namoomaa irratti miidhaa dachaa geessisuu kan danda’u waan ta’eef, baay’ee yaachisaa dha.

Hidhattoota Adda Bilisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) jedhee of waamuun bobbaafamaniin bakkeewwan daangaa naannoo Affaarii fi Amaaraa keessa seenanii Fulbaana 12, 2019 A.L.I halkan keessa Sa’aatii  9 irraa jalqabee haleellaa banuu isaanii, haaluma wal fakkaatuun,  bakka naannoon Tigraay fi Amaaraa itti wal daangessaniin Godina Waag-himiraa fi Godina kaaba Wolloo Aanaa Laastaa keessatti humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota ABUT’n bobbaafaman jidduutti walitti bu’iinsi uumamuu isaa KMNI’n hubachuu danda’eera.   

Waldhabdeen kunniin mirgoota lubbuun jiraachuu lammiilee, nageenyummaa qaamaa, akkasumas sochii guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa kan jiru yoo ta’u, fakeenyaaf Naannoo Tigiraayitti kan argamu dirreen balallii xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa, Shiree fi Aksuum Fulbaana 12, 2019 A.L.I iraa eegalee hidhattoota ABUT bobbaaseen waan qabamaniif balalliin addaan cituu isaatiin mirga namoonni bakkaa gara bakkaa  socho’uuf qaban irratti dhiibbaa uumee jira. Akkasumas, naannoo Tigiraay irraa gara kutaalee biyyattii birootti sochiin lafaa guutummaatti addaan cituu irraa kan ka’e, dhiyeessiin meeshaalee fi tajaajiloota bu’uuraa biroo irratti qaawwi mul’achaa jira; Kana hordofuun qaala’iinsi jireenyaa uumamuu eegaluun isaa kan eeramuu dha.  

Komishinarri ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo walitti bu’iinsi uumame kun baay’ee yaachisaa ta’uu ibsanii, humnoonni walitti bu’iinsa kana keessaa hirmaannaa qaban, keessattuu qaamoleen Waliigaltee Piriitooriyaa mallatteessan waliigaltee isaanii akka kabajanii fi sochii taasisanii fi murtee dabarsan kamuu keessatti dirqama mirgoota namoomaa fi seera namummaa idil-addunyaa dirqama fudhatan akka kabajan, keessattuu gocha lammiilee nagaa fi tarkaanfii bu’uuraalee misoomaa miidhu irraa akka of qusatan dhaamaniiru.  Itti dabaluunis hawaasni addunyaa qaamolee walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaatan gara mariitti akka deebi’aniif tattaaffii dippilomaasii walirra hin citne akka godhan Komishinarri ol’aanaan waamicha dhiyeessaniiru.