Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa wagga haala mirgoota namoomaa biyyaalessaa 5ffaa Waxabajjii 2017 A.L.I irraa hanga Waxabajjii 2018 A.L.I yeroo jiru kan uwwisu ifoomseera.
Gabaasni kun odeeffannoo fi ragaa komishinichi hordoffii fi qorannoo mirgoota namoomaa yeroo gabaasichaa keessatti gaggeeffamen funaanname irratti kan hundaa’edha. Bu’aa gaarii yeroo kana keessatti argamee fi dhimmoota yaaddessa ta’an yaada furmaataa waliin kan qindaaye ta’uu agarsiisa.
Gabaasa kana ilaalchisee komishinarri ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo miidiyaaleef ibsa kennaniiru.