Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) miseensota Waltajjii Tumsa KMNI, Dhaabbilee Hawaasa Siivilii  fi Garee Xiqqaa Cee’umsa Haqaa waliin ta’uun hojiilee adeemsa cee’umsa haqaa naannootti raawwataman irratti odeeffannoo wal jijjiiruu, karoora waloo qopheessuu fi fedhii leenjii dhaabbilee hawaasa siivikii akkaataa karoora hojii waggaa garee xiqqaa kanaa madaaluuf miseensota Waltajjii Tumsa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii KMNI fi Garee Xiqqaa Cee’umsa Haqaa waliin Fulbaana 20, 2019 Magaalaa Finfinneetti marii gaggeessan. 

Adeemsi cee’umsa haqaa amanamaa, hunda hammataa fi miidhamtoota giddugaleessa godhate mirkaneessuu keessatti hirmaannaan hawaasa siivikii bu’a qabeessa ta’e gahee murteessaa qaba. Gareen xiqqaan cee’umsa haqaa kun miseensonni waldaalee siivikii odeeffannoo waljijjiiruuf, qindoomina hojii uumuuf, deddeebii hojiin hambisuu fi marii cee’umsa haqaa biyyoolessaa keessatti gumaacha olaanaa akka taasisanis waltajjii ta’ee tajaajila. Beekumsa, dandeettii fi qophii tarsiimoo jaarmiyaalee hawaasa siivikii naannolee hunda cimsuu, adeemsi ce’umsa haqaa Itoophiyaa hirmaachisaa fi qajeeltoowwan mirgoota namoomaa irratti kan hundaa’e ta’uu isaa  ni mirkaneessa. 

Bara 2013 kan hundeeffame Waltajjiin Tumsa KMNI fi Dhaabbilee Hawaasa Siivilii waltajjii  KMNI fi Itoophiyaa keessatti dhaabbilee hawaasa siivikii gama mirgoota namoomaa irratti hojjetan gidduutti marii fi tumsi waaraan akka jiraatu kan dandeessisu waltajii dhaabbataati. KMNI fi Itoophiyaatti qindoomina Garee xiqqaan waltajjii walta’iinsaa Gamtaa Ce’umsa haqaa  waliin kan hoogganamu yoo ta’u, qaamolee adeemsa cee’umsa haqaa keessatti hirmaatan ykn hirmaachuuf fedhii qaban bakka tokkotti kan walitti sassaabe yoo ta’u, kunis  KMNI’n ergama dhaabbilee jiddutti qindoomina uumuu fi tarsiimoo mirgoota namoomaa biyyoolessaa keessatti hammatamuu akkaataa aangoo fi itti gaafatamummaa isaaf kennameen akka cimsu kan dandeessisudha. 

Waltajjichi lakkoofsa miseensootaa duraan ture gara 41tti ol guddisuun dhaabbilee Magaala finfinneetti argaman dabalatee dhaabbilee siivikii naannoo Affaar, Amaaraa fi Tigiraay irraa dhufan hammachuudhaan bakka bu’ummaa isaa babal’isuu danda’eera. Hirmaannaan guddaan kun guddina amantaa dhaabbilee waltajjii tumsaa irratti qaban kan agarsiisu yoo ta’u, haala cee’umsa haqaa Itoophiyaa bocuu keessatti carraa isaanii kan bal’isu yoo ta’u, kunis sagalee fi ilaalcha naannoo adda addaa kan hammatedha. 

Waltajjicharratti adeemsa ce’umsa haqaa fi taateewwan gurguddoo Itoophiyaa irratti ibsi ogeeyyotaan kan itti kenname yoo ta’u, hirmaattota waliin mariin bal’aan gaggeeffameera. Miseensonni kunneen hojiiwwan gama  ce’umsa haqaa irratti hojjetaa jiranii fi gara fuulduraatti maal gochuuf akka karoorfatan ibsaniiru. Kunis waltajjiin kun sagantaa waloo akka qopheessu gargaareera. Kana malees, hirmaattonni karoora hojii waloo bara baajataa 2019 garee xiqqaa kanaa fi sagantaa raawwii hojii waliin wixineessaniiru. 

Xiyyeeffannoowwan ijoo marii kanaa ta’an keessaa maanuwaalii leenjii cee’umsa haqaa addaa KMNI’tiin dhaabbilee hawaasa siivikiitiif qophaa’e dhiyaachuu dha. Hirmaattonni qabiyyee, tooftaa fi barbaachisummaa maanuwaalii leenjichaa madaaluuf marii garee caaseffama qabu irratti hirmaatan. Yaadni qorannoo fedhii kana irraa walitti qabame maanuwaalii kana gabbisuu fi dhimmoota haarawaa fi waqtaawaa ta’anii fedhii dhaabbilee sivikii guutuu biyyattii keessa jiran jiddugaleessa kan godhatee fi sagantaalee ijaarsa dandeettii itti fufiinsaa qaban qopheessuuf kan oolu ta’a.