Hoggansi ol’aanaan Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) jila itti aanaa walitti qabaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Moorishiyes Malani Nageniin durfamu waliin marii taasisaniiru.


Komishinarri Barnootaa fi Qorannoo Mirgoota Namoomaa KMNI Badhaasaa Lammeessaa fi Komishinarri Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii Ashannafech Abbabaa jila Komishinii Mirgoota Namoomaa Mooriishiyees waliin haala waliigala mirgoota namoomaa fi kallattii walta’iinsa irratti marii taasisanii jiru.
Marii kana irratti bakka bu’aan KMNI Jila Komishiinii Mirgoota namooma biyyaalessaa Moorishiyeesiitiif dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti ibsa kennaniiru.


Akkasumas, hojiiwwan murteessoo karooraa fi tarsiimoo waggaa 5 keessatti raawwatamaan irrattis marii bal’aa taasifameera.
Dhaabbileen lamaan eegumsa mirgoota namoomaa, hordoffii fi dhimmoota tumsa barbaadan irratti haala waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru.


Waljijjiirraan muuxannoo fi mariin kun bu’uura hariiroo fi tumsa dhaabbilee mirgoota namoomaa biyyoota lamaanii kan cimsu ta’uun ibsameera.