Koomishinarri ol’aanaan Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Birhaanuu Adeelloo Ambaasaaddara Nezerlaandi, Kiriistiin Piiren waliin marii taasisaniiru. 

Marii kanaanis haala mirgoota namoomaa Itoophiyaa yeroo ammaa irratti yaada kan waljijjiiran yoo ta’u, tarkaanfiiwwan jijjiiramaa ijoo taasifamaa jiranii fi dhimmoota ariifachiisaa xiyyeeffannoo fi hordoffii itti fufiinsa qabu barbaadan irrattis mari’ataniiru. 

Dabalataanis, KMNI’n hojii hordoffii eegumsaa fi babal’ina mirgoota namoomaa sadarkaa biyaatti adeemsisaa jiru cimee akka itti fufu dandeessisu fi qabxiilee tumsa tarsiimoo waloo fi haalawwan tumsa gara fuulduraa irratti mari’ataniiru. 

Dhumarrattis, Komishinarri ol’aanaan Birhaanuu Adeelloo, Ambaasaaddar Kiritiin piiren fi jilli isaanii marii bu’a qabeessaa fi tumsa KMNI waliin qaban cimsuuf kutannoo agarsiisaniif galata guddaa qaban ibsaniiru.