KMNI’, bara 2018’tti argannoowwaniifi yaadota furmaata hordoffii qabiinsa mirgoota sirreeffamtoota ilaalchise adeemsiseen adda baafate irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeessee jira.

Waltajii marii kanarratti Komishinarri Barnootaa fi Qorannoo KMNI, Badhaasaa Lammeessaa, Komishinarri Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii, Ashannafach Abbabaa dabalatee, gaggeessitoonni kutaalee hojii KMNI akkasumas Itti aanaan Komishinara Jeneraala Bulchiinsa Manneen Sirreessaa Naannichaa Waaqgaarii Caalaa, hoggantoonni waajjiraalee adda addaa naannichaa, qaamolee haqaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Waltajjii marichaa haasawaan kan banan Komishinarri Barnootaa fi Qorannoo Mirgoota Namoomaa KMNI, Badhassa Lamessa mirgoota sirreeffamtootaa ilaalchisee waggoota darban keessatti hojiiwwan gurguddoo KMNI’n raawwataman, milkaa’ina argamanii fi gufuuwwan mudatana ibsaniiru.

Itti dabaluunis, KMNI fi Bulchiinsi Manneen Sirreessaa Oromiyaa hojiiwwan hojjataniin qabiinsa mirgoota sirreeffamtootaa irratti fooyya’iinsa galmeessuu isaanii yaadachiisaniiru.

Tumsa KMNI’’n qooda fudhattoota adda addaa waliin uumee fi kaka’umsa Komishiniin Manneen Sirreessaatiin mul’achaa jiruun alatti hanqinootni bulchiinsa mirgoota sirreeffamtootaa ammas manneen sirreessaa hunda keessatti mul’achaa jiran fooyyessuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu Komishinarri Badhaasaan hubachiisaniiru.

Marii kanarratti hordoffii qabiinsa mirgoota namoomaa sirreeffamtoota manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa keessatti bara 2018’tti gaggeeffameen argannoowwan addaa baafamanii fi yaadota furmaataa hirmaattotaaf dhiyaatee mariin bal’aan irratti taasifameera.

Hirmaattotni marichaas, tokkoon tokkoon manneen sirreessaa haala qabiinsa mirgoota namoomaa sirreeffamtootaa fooyyessuu fi qormaata isaan mudachaa jiran irrattis bal’inaan mari’ataniiru.

Marii kana kan hoogganan Komishinarri Dubartootaa fi Daa’immanii KMNI Ashannaffech Abbabaa, Komishinichi bulchiinsa mirgoota namoomaa sirreessuuf tumsaan hojjechuun akka itti fufu ibsanii, yaadota furmaataa kennaman hojitti hiikuuf qooda fudhattoota irraa gahee guddaan akka eeggamu ibsaniiru.

Xumura marii kanaa irrattis qooda fudhattoonni yaada furmaataa KMNIn kaa’e karoora yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi dheeraa keessatti hojiirra oolchuuf gargaaru qopheeffataniiru.