KMNI’n Naannoo Kibba Itoophiyaatti hordoffii qabiinsa mirgoota namoomaa sochiiwwan baqattootaa ilaalchisee taasiseen argannoowwan adda baafaman irratti hoggantoota olaanoo komishinii poolisii naannichaa waliin marii adeemsiseera.
Marii kana irrattis Komishinara Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa Mohammad Ahimad akka ibsanitti, Poolisiin haala baqattootaa yommuu hordofu fi too’atu mirgoota namoomaa nama hundaa haala kabajuun raawwatamuutu irra jiraata.
Itti Dabaluunis, poolisiin nageenyummaa miidhamtoota bakkeewwan adda addaa irraa simatuu eeguu, itti gaafatamummaa seeraa deddeebistoota seeraan alaa irratti mirkaneessuu, akkasumas daa’immaniif, dubartootaaf, qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf eegumsaa fi kunuunsa addaa taasisuu qaba jedhan.
Dabalataanis, baqattoonni yeroo too’ataman dhimma isaanii qaama seeraa dhimmi ilaallatutti kennuudhaan nageenyummaa isaanii itti dhiyeennaan hordoffii cimaa taasisuun akka barbaachisu ibsameera.
Yakka daddabarsa namootaa seeraan alaa hundeerraa dhaabsisuuf, dhaabbilee federaalaa fi dhaabbilee naannoo biroo waliin qindoominaan hojjechuu; akkasumas, ogeeyyota qorannoo fi hawaasaaf leenjii mirga baqattootaa irratti hubannoo gabbisu kennuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.
Itti aanaan komishinara Komishinii Poolisii Naannoo Kibba Itoophiyaa Digaafee Dabalaa, rakkinnichi qixuma argannoon kun agarsiisuun jiraachuu isaa ibsanii, yaadota furmaataa kennaman hojiirra oolchuun sirreessuu fi hirmaattota seeraan alaa deddeebistoota namootaa hundee irraa adda baasuun seeratti akka dhiyaataniif tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Dhumarrattis, mootummaa federaalaa waliin ta’uun godina oomoo kibbaatti Daassanechi (nebira muus) ‘tti kan argamu daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa sirnaan akka to’atamuu fi bakka daldalli namaa itti taasifamutti buufataalee sakatta’iinsaa federaalaa dabalataa hundeessuudhaan hordoffii fi too’annoon barbaachisu akka taasifamu waamichi dhiyaateera.