Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) fi Komishiniin araaraa fi dhugaa baasuu Mootummaa Naannoo Sumaalee qorannoo dhiittaa mirgoota namoomaa, Araaraa fi komishiniin Beenyaa Miidhamtootaa, magaalaa Jigjigaatti waltajii marii adeemsisan.

Komishinaroonni Komishinii Dhugaa baasuu fi Araara Naannoo Somaalee, bu’uura labsii lakk. 205/2014 naannichatiin hundeeffame, adeemsa hojii isaanii, argannoowwan ijoo fi milkaa’ina galmaayanii fi yaadota furmaataa akkasumas gufuuwwan mudatanii fi furmaata kennaman wolumaagalatti muuxannoowwan argaman qoodaniiru.

KMNI’n gama isaatiin adeemsa cee’umsa haqaa biyyaalessaa ilaalchisee qixa itti gaafatamummaa isarraa eeggamuutiin sadarkaa federaalaa fi naannootti hojiiwwan raawwatee fi raawwachaa jiru tokko tokkoon dhiyeessee jira.

Qaamolee qooda fudhattoota naannoo fi federaalaa wolitti fiduudhaan adeemsa cee’umsa haqaa naannoo Sumaalee haala adeemsa biyaalessaa wajiin walsimsiisuun danda’amurratti mari’achuuf kan kaayyeffate waltajjiin kun, Komishinarri Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii fi Qindeessituun Cee’umsa haqaa KMNI, Ashannafach Abbabaa, Komishinarri Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa, Mohaammad Ahimad akkasumas ogeeyyonni irratti argamaniiru.

KMNI’n muuxannoo naannichaa kana akka galteetti fayyadamuuf, komishinii naannichaa, qooda fudhattoota federaalaa dhimmi ilaallatu, waldaalee miidhamtootaa fi dhaabbilee hawaasa siivikii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka itti fufu mirkaneessera.

Hirmaattonni waltajjichaa karaa muuxannoowwaniifi jalqabbiiwwan gagaarii naannicharraa argaman babal’isuun danda’amurratti, shoora qaamolee qooda fudhattootaa, dhimmoota fuulduraaf xiyyeeffannoo barbaadanii fi tarkaanfiiwwan tumsa dabalataa fuulduraa irratti erga mari’atanii waltajichi goolabameera.