Cee’umsa haqaa hunda hammatee fi hirmaachisaa akka ta’uuf hirmaannaa fi gumaachi dhaabbilee hawaasa siivikii fi dhaabbilee mirgoota namoomaa biyyoolessaa gidduutti qindoominni bu’a qabeessa ta’e jiraachuun barbaachisaa dha.
Leenjiwwan kunneen adeemsi cee’umsa haqaa qajeeltoowwan mirgoota namoomaa irratti hundaa’uun bu’aa haqa qabeessaa fi itti fufiinsa qabu fiduuf gumaacha olaanaa kan qabanii dha
Adeemsi ce’umsa haqaa miidhamtoota giddu galeessa godhatee fi mirgoota namoomaa bu’uureffate akka jiraatuuf dhaabbilee hawaasa siivikii waliin tumsi cimaan barbaachisaadha
Itoophiyaa keessatti Adeemsa ce’umsa haqaa bu’a qabeessa, miidhamtoota giddu galeessa godhatee fi mirgoota namoomaa kabaju hojiirra oolchuuf, qophii Imaammataa ragaa irratti hundaa’e fi marii hunda hammate cimsuun barbaachisaa dha
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) adeemsa ce’umsa haqaa keessatti itti gaafatamummaa isaa haala bu’a qabeessa ta’een bahachuuf dandeettii leenjistoota mirgoota namoomaa fi ce’umsa haqaa ijaaruun hojii bu’uuraa ti
Miidhamatoota miidhaan irra gaheef beekkamtii kennuu fi adeemsa ce’umsa haqaa bocuu keessatti dammaqinaan hirmaachuun bu’a qabeessummaa adeemsa haqa ce’umsaatiif barbbachisaa dha