Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI) Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Waajjira Naannoo Bahaa fi Kibba Afrikaa (OHCHR-ESARO) waliin ta’uun Fulbaana 28 fi 29, 2019 A.L.I Bakka bu’oota waldaalee miidhamtootaaf waltajjii ijaarsa dandeettii fi marii Finfinneetti gaggeessee jira. Waltajjicharratti bakka bu’oonni waldaalee miidhamtoota naannoo Affaar, Amaaraa, Benshangul Gumuz, Gaambeellaa, Hararii, Somaalee fi Tigraay irraa babbayan 44 hirmaataniiru.
Kaayyoon leenjii kanaa dandeettii waldaaleen miidhamtootaa akkaataa ulaagaa naamusaa fi mirgoota namoomaatiin calallii (victim mapping) fi funaansa odeeffannoo miidhamtootaa soneessan cimsuu yoo taú, Akkasumas waltajjii muuxannoo itti waljijjiiran, tumsa isaanii cimsuu fi adeemsa ce’umsa haqaa Itiyoophiyaa keessatti hirmaannaa isaaniif aantummaa isaanii ifatti kaa’uu danda’an haala mijeessuudha.


Ji’a Eblaa 2016 ragga’uu Imaammata Cee’umsa haqaa Itoophiyaa hordofee waldaaleen miidhamtootaa adeemsa calallii miidhamtoota (kaartaa miidhamtootaa), odeeffannoo sarbama mirgoota namoomaa walitti qabuu fi qindeessuu (documentation) fi kuusaa ragaa miidhamtootaa qopheessuu keessatti gumaacha guddaa agarsiisaniiru. Haa ta’u malee waldaaleen hedduun dandeettii teeknikaa murtaayaa, sirna bulchiinsa galmee sadarkaa isaa eeggate dhabuu, akkasumas nageenya, fi iccitii xiinsammuu miidhamtootaa lubbuun hafan (survivors) waliin walqabatee qormaata adda addaa isaan mudachaa tureera. Qormaatni kunniin barbaachisummaa galmeewwanii akkaataa ulaagaalee mirgoota namoomaa fi qajeeltoowwan naamusaa barbaachisoo ta’aniin akka gaggeeffaman mirkaneessuudha.
Mirgoota miidhamtoonni dhugaa, haqa, furmaata bu’a qabeessaa fi beenyaa beekuuf qaban kabachiisuuf hordoffiin miidhamtootaa naamusa irratti hundaa’ee fi odeeffannoo walitti qabuu fi gurmaa’uun barbaachisaa dha. Kana malees, iccitii fi nageenya miidhamtootaa eeguu, miidhaa dabalataa ittisuu fi odeeffannoon dhaabbilee cee’umsa haqaa dhimmi ilaallatu biratti fudhatama fi itti gaafatamummaadhaan akka itti fayyadaman kan hayyamuu dha. Kanaafuu, carraaqqii odeeffannoo walitti qabuu fi galmeewwan soneessuu irratti tooftaa walfakkaatu fi miidhamaa giddugaleessa godhate hojiirra oolchuun kabajni fi mirgi miidhamtootaa fi namoota lubbuun hafan akka eegamu gochuun barbaachisaa dha.
Waltajjicharratti KMNI qajeelfama odeeffanoo miidhamtootaa funaanuu fi gurmeessuu kan beeksise yoo ta’u, kaayyoo, tooftaa fi sadrkaa odeeffannoo walitti qabuu fi gurmaa’insa ulaagaa naamusaa fi mirgoota namoomaa kabaju hirmaattotaaf dhiyaateera. Bakka bu’oonni waldaalee miidhamtoota naannoo Somaalee adeemsa miidhamtoota calaluu irratti muuxannoo qaban qoodaniiru. Hirmaattonni kun hojimaata madaallii miidhamtootaa fi ulaagaalee mirgoota namoomaa barbaachisoo ta’an irrattis gareen mari’achuun bu’aa marii isaanii dhiyeessaniiru.



Ogeeyyiin Waajjira Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OHCHR) irraas deebii koorniyaa irratti xiyyeeffatee fi tooftaale odeeffannoo miidhaan qaamaa irra gahe hojii waldaalee miidhamtootaa keessatti hammatamuu akka qaban akeekaniiru. Marii kana keessatti, adeemsa cee’umsa haqaa keessatti hirmaannaa hiika qabu mirkaneessuuf fedhii addaa fi muuxannoo dubartoota miidhamtootaa, keessattuu namoota jeequmsa saalaa walitti bu’iinsaan walqabate irraa hafan daaw’achuun barbaachisaa ta’uu kaa’ameera.
Waldaaleen miidhamtootaa, bakka bu’oonni dhaabbilee hawaasa siivikii fi dhaabbilee mootummaa 30 magaalaa Finfinnee irraa walitti fidee waltajjiin kun hundeeffama, misooma, milkaa’inaa fi qormaata itti fufiinsa qabu waldaalee miidhamtootaa qooddachuuf carraa uumeera. Kana malees, gamtaan waldaalee miidhamtootaa kaayyoo fi karoora hojii isaa dhiheessee qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin gama deggersaa fi tumsa taasifamuu qabus akeekeera.



Gama biraatiin waltajjiin kun qindoomina waldaaleen miidhamtootaa qooda fudhattoota biroo waliin qaban cimsuuf, jalqabbii miidhamtootaa deeggaruuf taasifamu, akkasumas adeemsa ce’umsa haqaa keessatti hirmaannaa caaseffama qabu qabaachuuf marii tarsiimoo ta’ee ture. Adeemsa cee’umsaa keessatti muuxannoo, fedhii fi dursa miidhamtootaa caalaatti mul’achuun adeemsa ce’umsa haqaa nageenya, hunda hammatee fi hiika qabu akka taasisus agarsiifameera. Marii kana irratti KMNI’n dandeettii teeknikaa fi tola ooltummaa waldaalee miidhamtootaa cimsuu dabalatee, qajeelfama hordoffii fi sassaabbii odeeffannoo fi gurmaa’ina miidhamtootaa soneessuu dabalatee, qophii fi hirmaannaa kuusaa ragaa miidhamtootaa irratti deeggarsa kennuu, akkasumas Waajjira Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OHCHR), dhaabbilee waldaalee siivikii fi qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin ta’uun akka itti fufu ibseera. Hirmaannaa miidhamtootaa hiika qabu mirkaneessuu keessatti, adeemsi cee’umsa haqaa mirgoota namoomaa kabajuu fi miidhamtoota giddugaleessa godhate akka mo’atu gochuu keessatti gahee olaanaa akka taphatanis mirkaneessaniiru.