Leenjiin kun kabajamuu mirgoota namoomaa hawaasa keessattis ta’ee qaamolee raawwachiiftuu gidduutti cimsee, beekumsaa fi dandeettii qajeeltoowwan mirgoota namoomaa hojiirra oolchuuf barbaachisan akka horatan carraa uumeera
Leenjiiwwan kunneen dargaggootaaf, poolisii fi miseensota Poolisiifi mana sirreessaa, maanguddootaaf, qaamolee namoota biyya keessatti buqqa’aniif tajaajila kennaniif, waldaalee qaama miidhamtootaatiif, aartistootaaf, akkasumas hojjettootaa fi hooggantoota dhaabbilee hawaasa siivikiitiif kan kennamee dha
Dhaloota ajandaa mirgoota namoomaa ammayyaa fi biyyoolessaa hubachuu fi gumaachuu danda’u horachuun, Itoophiyaa mirgootni namoomaa aadaa itti ta’e dhugoomsuun ni danda’ama
Manneen barnootaa 15 dorgommii kana qabxii olaanaan xumuran keessaa gareewwan 8 falmii barreeffamaatiin qabxii olaanaa galmeessan Dorgommii biyyoolessaa Ebla 11 hanga 16, bara 2018 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu irratti ni hirmaatu