Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI), gita isaanii Komishinii Mirgoota Namoomaa fi Bulchiinsa Haqaa Gaanaa wajjiin Gurraandhala 9–10, 2026 A.L.A tti daawwanna gita michoomaa taasisan. Daawwannaan kun kan taasifame, hirmaannaa Yaa’ii Waliigalaa fi Yaa’ii Neetworkii Mirgoota Namoomaa Afrikaa (NANHRI) waggaa lama lamaan geggeeffamu kan marsaa 15ffaa gurraandhala 4-6 2026 A,L.A biyya Kaameeruun, Magaalaa Yaawundeetti geggeeffame booda biyya Gaanaa Magaalaa Akiraatti.

Waltajichi Komishiinara ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo fi gita isaanii qondaaltota ol’aanoo Koomishiinii Mirgoota Namoomaa fi Bulchiinsa Haqaa (KMNBH) Gaanaa kan wal-qunnamsiise yoo ta’u, marii qindaawaa gam-lamee muuxannoo qoodachuu irratti xiyyeeffatee fi bulchiinsaa fi ergama dhaabbilee biyyaalessaa Mirgoota Namoomaa sadarkaa-A lamaan jiddutti jajjabeessuu fi waliin hojjachuun akka danda’amu haala mijeessuuf kan kaayyeffatedha. Caasaan Bulchiinsaa qindaawaa KMNBH fi Hirmaannaan cimaan inni Naannawatti taasisu Guutuu Afrikaatti akka michuu gaarii NHRI’f isa taasiseera.

Yeroo daawaannaa kanatti, KMNBH Gaanaa muuxannoo fakkeenyummaa hojii KMNI wajjin qoodatanirratti hordoffii filannoo pirezidaantummaa fi Paarlaamaa Gaanaa kan bara 2024 A.L.A taasisuu, adeemsa qophii fi gamaaggama karooraaf tarsiimoo KMNBH Gaanaa 2026–2030; deeggarsaa fi hojiirra oolmaa yaada gorsaa mirkaneeffachuu; tattaaffii dhaqqabamummaa KMNBH Gaanaa mirkaneessuu dha.

KMNBH Gaanaa dhaabbata mirgoota namoomaa biyyoolessaa sadarkaa-A, dirqamoota mirgoota namummaa, bulchiinsa haqaa fi farra malaammaltummaa kan fafakkaatan of keessaa kan qabu yoo ta’u, bu’uura qabiyyee bulchiinsaa, hirmaannaa fi sochii cimaan naannawatti dhaabbilee mirgoota namoomaa wajjiin qabu guutuu Afrikaaf michuu mirgoota namoomaa biyyaalessaa barbaachisaa isa taasiseera.

KMNI fi KMNBH lamaan isaaniituu yeroo ammaa kanatti karooraa fi tarsiimoo tokkoo tokkoo isaanii kan bara 2026–2030 qopheessuu fi gamaaggamuu, KMNBH akka dura taa’aa NANHRI yeroo isaa xumureetti fi KMNI ammoo akka itti aanaa dura taa’aa haaraa filameetti, daawwannaan kun yeroo isaa kan eeggatee, bu’a qabeessaa fi carraa wal baruu fi muuxannoo wal jijjiiruu lamaan isaaniitiif akka carraa gaariitti ilaallameera.

Komishinarri Ol’aanaan yeroo daawwannaa kanaatti simannaa ho’aa isaaniif taasifamee fi miira itti keessummeeffaman dinqisiifatanii, walitti dhufeenyi kun hariiroo komishinii lamaan gidduu jiru daran kan cimsuu fi dhaabbilee NHRI lamaan keessattuu eegumsa mirgoota namoomaa fooyyessuu fi dagaagina mirgoota namoomaa tiif gumaacha guddaa akka qabu amantaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.