Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Qulqullinaa fi dhaqqabamummaa ‘seefti-neetii’ manguddotaaf kennamu ilaalchisee argannoowwan hordoffii mirgoota namoomaarratti godhee fi yaada furmaata keenamman ilaalchisee Gurraandhala 19, 2018 A.L.I Finfinneetti qooda fudhattoota waliin waltajii marii geggeesseera. Hordoffiin kun magaalota, aanaalee fi gandoota naannolee Affaar, Amaaraa, Oromiyaa, Sumaalee fi Tigiraayi akkasumas Bulchiinsa Magaala Dirre Dawaa jalatti argaman keessatti kan adeemsifamee dha.
Waltajjicharratti aanga’oonni fi bakka bu’oonni dhimma dubartootaa fi hawaasummaa, hoggantoonni damee hawaasummaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa, akkasumas waajjiraaleen misoomaa magaalaa fi bu’uuraalee, waajjirri qonnaa hirmaataniiru. Kana malees waldaaleen maanguddootaa fi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.

Waltajjicharratti bu’aalee ijoo, yaaddoowwanii fi yaadota furmaataa KMNI hordoffii Isaatiin adda baasee dhiyeesserratti kan mari’atame yoo taú, qooda fudhattoonnis tajaajilli seefti-neetii haala fooyyee qabuun akka dhaqqabamu taasisuu fi tarkaanfiiwwan dhaabbileen isaanii mirga manguddoonni wabii hawaasummaa argachuu isaanii mirkaneessuuf fudhataa jiranii fi qormaata isaan mudatan dhiyeessaniiru.

Dhimmoota gaarii marii kana keessatti ka’an keessaa koreewwan qacarrii qaamolee mootummaa fi jaarmiyaalee hawaasaa sadarkaa sadarkaan jiran keessaa kan cokaman ta’uu, Hunda ta’uu baatus, maanguddoonni seefti-neetii inshuraansii fayyaa irraa fayyadamoo ta’uu isaanii, madaalliin haala dinagdee maanguddootaa hirmaachisaa fi haala jireenyaa fi akkaataa jireenyaa naannoo xiyyeeffanoo keessa kan galche ta’uu isaati. Gama biraatiin maanguddoonni waa’ee maalummaa tajaajila seefti-neetii, sirna raawwii fi adeemsa komii dhiyeessu ilaalchisee odeeffannoon qaban xiqqaa ta’uu; iddoo tokko tokkotti kaffaltii irraa wanta hir’ifamu ilaalchisee hojimaata wal-fakkaatu hordofuu dhiisuu, Qacarrii, hordoffii fi hojiirra oolmaa fayyadamtoota seefti-neetii adda baasuu, cokuu fi hojiirra oolmaa irratti hirmaannaan waldaaleen maanguddootaa xiqqaa ta’uu; Harkifannaa Kaffaltii, adeemsi ijaarama dhaabbilee hawaasaa namoota barnoota bu’uraa hin baranneef keessattuu manguddoota qaro-dhabeeyyii fi gurraan hin dhageenyeef hojimaanni odeeffannoo dhaqqabsiisuu kan hin jirre ta’uu, akkasumas; hordoffii fi to’annoo tajaajilichaa keessatti daangeffamni caasaa akka jiru agarsiifameera.

Hirmaattonni marii raawwii waliin walqabatee daangeeffamoota jiran furuuf naannoo fagoo fi baadiyyaa haala gahaa ta’een hordofuuf Dhiyeessii humna namaa fi faayinaansii guddisuu, fayyadamtoota sababa walitti bu’iinsaatiin kaffaltiin isaanii adda cite xiyyeeffanoo keessa galchuun furmaata kennuu, akkasumas sagantaan kun sirna Inshuraansii Fayyaa Hawaasa Bu’uureffate (Community-Based Health Insurance) guutummaatti akka hammatuuf haala mijeessuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru. Xumura waltajjii marii kanaa irrattis hirmaattonni Aangoofii itti gaafatamummaa dhaabbata isaan irraa dhufanii irratti hundaa’uun yaada furmaataa KMNI’n dhiheesse hojiirra oolchuuf karoora qopheessaniiru.

Daarektarri Kutaa Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa KMNI, Xibabuu Haayiluu, tajaajilli seefti-neetii sagantaa rakkoolee hedduu maanguddootaa fi kutaalee hawaasaa rakkoo diinagdee qabaniif kallattii hedduun saaxilamummaa isaanii hir’isuuf kan qophaa’e waan taéef; dhaqqabamummaa fi qulqullina isaa guddisuudhaan carraaqqiin mirga hawaas-diinagdee maanguddootaa galmaan gahuuf taasifamu cimee itti fufuu akka qabu yaadachiisaniiru. Itti dabaluunis, qooda fudhattoonni hundi hanqinaalee yeroo hordoffii adda baafamaan hiikuu fi gorsa KMNIn kennaman hojiirra ooluu isaan mirkaneessuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.