Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa buufataalee poolisii bulchiinsa Naannoo Beenishaangul keessatti argannoo hordoffii mirgoota namoomaarratti taasiseen adda baafate fi yaada furmaataa kenname irratti Ebla 29, 2018 A.L.I magaala Baambaasitti qooda fudhattoota wajjiin marii geggeesseera.
Marii kana irratti mana maree Naannoo Beenishaangulitti bakka bu’oonni koree dhaabbii bulchiinsa seeraa fi haqaa, Komishinii Poolisii Naannoo, godinaalee fi aanaalee adda addaa aanaalee addaa fi bakka bu’ootni qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalaa irraa babbayan hirmaataniiru.

Marii kana keessattis hordoffii KMNI buufataalee poolisii irratti taasiseen dhimmoonni gaarii fi yaaddessaa ta’an adda baafamanii, akkasumas yaadonni kennaman dhiyaatanii irratti mari’atameera. Fooyya’iinsa hidhaa adeemsa malee raawwatamuu fi daawwannaa maatii dhorkuu fi kkf marii kana keessatti akka dhimmoota yaaddessaatti ka’aniiru. Bakka tokko tokkotti bakka tursiisaa haaromsuu fi babal’isuu, akkasumas buufataaleen poolisii tokko tokko shakkamtoota to’annaa jala jiraniif baajata nyaataa qabaachuu jalqabuu isaanii qabxiilee akka gaaritti kaafaman keessatti argamu.

Gama biraatiin poolisoota mirga shakkamtootaa hin kabajnee fi dhiibbaa mirgaa geessisan irratti tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhachuu dhiisuu; ajaja mana murtii malee namoota hidhuu; yeroo seeraan eeyyamamu keessatti mana murtiitti dhiyeessuu dhabuu; qajeelfama seeraa malee namoota ukkaamsuu/hidhaan jumlaa jiraachuu; qulqullinni kutaalee tursiisaa fi rakkoon dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu buufataalee poolisii naannichaa tokko tokko keessatti dhimma yaaddoo ta’ee itti fufee waan jiruuf, fooyya’uu akka qabu ibsamee jira.
Hirmaattonni marii kanaa rakkoolee yaaddoo ta’anii itti fufanii jiran fooyyessuu fi haalli waliigalaa qabiinsa shakkamtootaa naannicha keessatti raawwatamu mirgoota namoomaa kan kabaju ta’uu isaa irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

KMNI’tti Daarektarri Kutaa Hordoffii fi Qorannoo Naannoo Bagaashaw Isheetuu mirgoota namoomaa namoota eegumsa jala jiranii kabajuun, dhaabbileen poolisii hojiirra oolchuu fi raawwachuu irratti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban eeranii, yaadota KMNI hojiirra oolchuu dabalatee, ilaalchi shakkamtootaa naannichaa fi mirgootni namoomaa akka kabajaman qooda fudhattoonni hundi qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.