Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI)Filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa tiif kan qopheesse sirna hordoffii kallattii haalaa (situation room) Caamsaa 14, 2018 jalqabsiiseera. Saganticha irratti komishinaroonni KMNI, hooggantoonnii fi ogeeyyonni akkasumas bakka bu’oonni dhaabbata gargaarsaa idil addunyaa Jarmanii (GIZ – Deutsche Gesellschaft für Internationale Zusammenarbeit) hirmaataniiru.

KMNI bu’uura labsii hundeeffamaa fooyya’een yeroo filannootti itti gaafatamummaa haala mirgoota namoomaa eegsisu hordofuuf aangoon ifatti kan kennameef yoo ta’u, sirni hordoffii adeemsi filannoo mirgoota namoomaa kabajuu isaa hordofuuf tarsiimoo fi qabeenyi teeknooloojii barbaachisoo ta’an kan guutamaniif dha.

Komishinarri ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo fi Dhaabbata Gargaarsaa Idil Addunyaa Jarmaniittidaarektarri Itoophiyaa fi Jibuutii Dorottee Haatar sirna hordoffii kallattii haalaa adeemsa filannoo kana eebbisanii jalqabsiisanii jiru.

Hordoffiin Haala kallattii sarbama mirgoota namoomaa fi dhimmoota yaaddeessaa ta’an giddugalichaaf odeeffannoo saffisaan dabarsuudhaan yaalii furmaata kennuuf taasifamu kan mijeessu dha. Kunis adeemsi filannoo akkaataa labsii, dambii fi qajeelfama dhimmicha ilaallatuun mirgoota namoomaa haala kabajeen raawwatamuu isaa mirkaneessuuf, sarbamni mirgoota namoomaa gosa kamiyyuu dursee akka hin mudannee dursee too’achuu fi yoo raawwatames qaamota dhimmi ilaallatu waliin haasa’uun deebii ariifataa akka argatan haala uumuuf; haala nageenyaa filannoon walqabatee jiru, rakkoolee teeknikaa ykn gufuulee biroo qabxiiwwan mirgoota namoomaa irratti dhiibbaa qaban yeroon hubachuun furmaata kennuuf akka fayyadu ibsameera.

Dhaabbata Gargaarsaa Idil Addunyaa Jarmanitti daayreektarri Ityoophiyaa fi Jibuutii Doorotii Haatar hojii hordoffii mirgoota namoomaa KMNI cimuun isaa milkaa’ina guddaa ta’uu ibsanii, xiyyeeffannoo addaa filannoo kanaaf kenname dinqisiifachuun, dhaabbatni isaanii deeggarsa isaa cimsee kan itti fufu ta’uu isaa mirkaneessaniiru.

Komishinarri ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo Filannoon kun dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi mirgoota namoomaa kan kabaje ta’uu mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti sirni hordoffii haala yeroo filannoo kun dandeettii olaanaa kan uumuu fi iddoowwan ogeeyyiin hordoffii bobbaafaman irraa odeeffannoo kallattiin kennuudhaan murtee kennuu keessatti haala mijataa kan uumu ta’uu isaa ibsaniiru. Itti dabaluunis, dhaabbanni gargaarsaa Idil-addunyaa Jarman dandeettii teeknooloojii akkasii uumuu keessatti gumaacha taasiseef galateeffataniiru.