Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa naannoo Amaaraatti buufataalee poolisii 32 Godinalee fi bulchiinsa magaalotaa adda addaa keessatti argaman irratti argannoowwan hojii hordoffii fi qorannoo gaggeesse irratti qooda fudhattoota waliin Caamsaa 5, 2018 magaala Baahirdaaritti marii taasiseera. Marii kana irratti itti aanaan Komishinaraa Qajeelcha Poolisii naannichaa fi ajajaan Kutaa Qorannoo Yakkaa, mana maree naannichaatti Koreen Dhaabbii Bulchiinsa Seeraa fi Haqaa, Manni Murtii Waliigalaa Naannichaa, Biiroo Haqaa, Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii, fi Komishinii Milishaa, mootummoota gamtoomaniitti Waajjirri Koomishinara Ol’aanaa Mirga Namoomaa (OHCHR) fi Yuunivarsiitii Baahir Daaritti qondaaltonni fi bakka bu’oonni mana barumsaa seeraa akkasumas qondaaltonni fi ajajootni qajeelcha poolisii buufataalee hirmaataniiru.

Maricharratti muuxxannoowwan gaggaarii hordoffii keessatti adda baafamanii fi qabxiilee mirgoota namoomaa ciccimoo fooyya’uu qaban dhiyaatanii mariin irratti taasifameera. Hordoffii KMNI ‘tiin namoota 172 bakkeewwan adda addaa naannichaatti argaman keessatti furmaanni kennamuufiin isaa, shakkamtoonni kunneen irra caalaan isaanii to’annoo jala oolfamanii sa’aatii 48 keessatti buufataalee poolisii godina kibba Wolloo, magaalaa Dasee fi Kombolchaatti mana murtiitti dhiyaachuunsaanii, haalli hojii namoonni shakkamanii too’annoo jala jiran torban guutuu haadha warraa ykn maatii, fira dhiyoo, hiriyoota, gorsitoota amantii fi seeraa waliin itti wal argan diriirfamee jirachuun; tumaalee labsii deemsa falmii yakkaa irratti hundaa’uun sirni qorannoo yakkaa jiraachuu fi buufataalee poolisii murtaa’an keessatti bakki tursiisaa shakkamtootaaf mijataa ta’e jiraachuun adeemsa gaarii ta’uun eerameera.

Gama biraatiin, buufataaleen tursiisa shakkamtootaa hordofii kana jalatti hammataman kanneen akka Baahirdaar, Gondar, Gojjam Kaabaa, fi Shawaa Kaabaa keessatti argaman keessatti namoonni ajaja mana murtii malee kan qabamanii fi sa’aatii 48 keessatti mana murtiitti kan hin dhiyaatne ta’uu; shakkamtoonni “haala yeroo” jedhamanii to’annoo jala oolan osoo mana murtiitti hin dhiyaatin yeroo dheeraa hanga ji’a 7 ‘tiif haalli itti hidhaman jiraachuu; adabbiin qaamaa shakkamtoota irratti raawwatamu jiraachuu; shakkamtoota mirga daawwatamuu dhoorguu; darbee darbee poolisiin sodaachifamuu; doorsifamuu, arrabfamuu fi qaamaan adabamuu; kutaalee hawaasaa sarbama mirgoota namoomaatiif saaxilamaniif deeggarsi addaa kennamu jiraachuu dhabuu; sirni komii qajeelaan jiraachuu dhabuu; hojimaatni shakkamtoonni guyyaa kutaa bultii keessatti itti cufamee tursiifaman jiraachuu fi xiyyeeffannoo akka barbaadanii fi fooyya’uu akka qaban akeekkachiifameera.

Itti aanaan komishinaraa qajeelcha Poolisii Naannichaa fi ajajaan waliigalaa Qorannoo Yakkaa itti aanaa komishinar Taaddasaa Ayyaaleew argannoowwan KMNI dhiyeessan dhugaa jiru kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas hojiin ilaalcha mirgoota namoomaa shakkamtootaa fooyyessuuf deeggarsa qaamolee dhimmi ilaallatuu kan barbaadu ta’uu fi Qajeelchi Waliigalaa madaallii (standard) mataa isaa qopheessee hojiitti hiikaa jiraachuu ibsaniiru.

Daarektarri naannoo kutaa hordoffii fi qorannoo mirga namoomaa KMNI Yoonaas Mulugeetaa akka jedhanitti, haala waldhabdee fi rakkoo nageenyaa keessattis poolisiin olaantummaa seeraa fi tumaalee fi qajeeltoowwan mirgoota namoomaa akka kabajamaniif itti gaafatamummaa isaa bahachuu akka qaban ibsanii, shakkamtootni kabajni namoomaa eegameefii jiraachuu isaanii mirkaneessuu fi haala mirgoota namoomaa naannichaa waliigala fooyyessuuf KMNI qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.