Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa yaad-rimeewwan ce’umsa haqaa irratti kan xiyyeeffate waltajjii hubannoo uumuu Caamsaa 11 fi 12, 2018 Finfinneetti gaggeessee. Workishooppii kana irratti Imaammata Ce’umsa Haqaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Karoora Ce’umsaa, Wixinee Seerota Adeemsa Ce’umsa Haqaa hojiirra oolchuuf qophaa’an, Adeemsa Ce’umsa Haqaa keessatti gahee Dhaabbileen Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa fi hojiiwwan KMNI’n gama kanaan hojjetamaa jiran dhiyaatanii mariin irratti taasifameera.

Yeroo marii kanatti utubaawwan gurguddoo cee’umsa haqaa kan ta’an itti gaafatamummaa, dhugaa barbaaduu, beenyaa miidhamtootaa fi haaromsi dhaabbilee gumaacha isaan haqa, araaraa fi nageenya waaraaf qaban irratti mari’atameera. Dabalataanis, adeemsi ce’umsa haqaa bu’a qabeessaa fi amanamaa akka ta’uuf sirni raawwii ifa ta’e, qindoominni dhaabbilee fi dhaabbileen ciccimoo fi walaba ta’an jiraachuun bu’a qabeessummaa ce’umsa haqaatiif murteessoo ta’uu isaa; wixineewwan seeraa kunniinis akkaataa seeraa fi qajeeltoowwan mirgoota namoomaa idil-addunyaatiin qophaa’uu akka qabaatan, akkasumas, adeemsa kana keessatti gaheen hordoffii dhaabbilee mirgoota namoomaa biyyoolessaa cimuu akka qabu ibsamee jira.

Hirmaattonni marii kanaas workshopiin kun adeemsa ce’umsa haqaa Itoophiyaa irratti hubannoo fooyya’aa akka qabaatan taasifamuu ibsuun, bu’a qabeessummaa deeggarsa adeemsa kanaatiif dandeettii dhaabbataa cimaa ijaaruuf leenjii walfakkaataa hubannoo uumu akkanaa walduraa duubaan kennamu barbaachisaa ta’uun ibsameera.

KMNI’n dandeettii hojjettoota isaa cimsuuf leenjii hubannoo uumu qopheessuu kan itti fufuu fi adeemsa ce’umsa haqaa Itoophiyaa bu’a qabeessa, amanamaa fi mirgoota namoomaa giddu galeessa godhate akka ta’uuf ciminaan kan hojjatu ta’uu beeksise.