Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa hojiirra oolmaa mirga fayyaa Godinoota Kaafaa fi Beenchi Shakkoo ilaalchisee Caamsaa 14, 2018 magaalaa Bongaatti waltajjii marii adeemsiseera. Bulchiinsi waajjiraalee fayyaa Godinoota Kaafaa fi Beenchi Shakkoo, aanaalee Gimbo, Gawaataa, ShiishOromoonde, Bixaa, Deechaa, Canaa fi kaaba Beenchi, magaalaa Bongaa fi bulchiinsa magaalaa Miizaan Ammaan akkasumas bakka bu’oonni dhaabbilee fayyaa naannichatti argaman marii kana irratti hirmaataniiru.


Waltajjicha irrattis, KMNI’n naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa bulchinsa magaalotaa fi aanaalee Godinaalee Kaafaa fi Beenchi Shakkoo keessatti, raawwii mirga fayyaa keessumattuu haala kenniinsa deebii weerara busaa naannichatti mudatee ilaalchisee, argannoo fi yaada furmaataa qorannoo tooftawaa adeemsise irraa argame dhiyaatee marii bal’aan irratti taasifameera.

Hirmaattonni waltajjichaa haala waqtaawaa tamsa’inni weerara dhukkuba busaa naannichatti itti jiru ilaalchisee ibsa kan kennan yoo ta’u, bishaan kuufame dhangalaasuu, keemikaala biifuu, talaallii fi tamsaasa haguuggii/agobaraa akkasumas hojii hubannoo uumuu bal’aan taasifamuu isaatiin yeroo ammaa saffisni dhukkubichaan qabamuu gad-bu’uu akka danda’e ibsaniiru. Gama biraatiin dhukkubicha wala’aanuu fi too’achuuf ammoo hanqinni qorichaa fi meeshaalee yaalaa dhibee kana yaaluuf barbaachisan qormaata ta’ee itti fufee akka jiru hubachiisaniiru.

Hawwii Asfaawu, itti gaafatamtuun kutaa hojii mirgoota hawaasummaa fi dinagdee KMNI, Mootummaan weerara dhukkubootaa ittisuu, yaaluu fi to’achuu akkasumas kunuunsa fayyaa lammiileef dhiyeessuuf itti gaafatamummaa akka qabu cimsanii dubbataniiru. Itti dabaluunis, bakkeewwan weerara dhukkuba busaatiif saaxilamoo ta’an kan naannoo ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti argamanitti dhukkubicha itti fufiinsaan too’achuuf, qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran dhaabbilee hawaasa siivikii fi qooda fudhattoota biroo wajjiin tattaaffii qindaawaa jalqaban cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.